Ali Karrayyuu
Artist Ali Karrayyuu official page. My You Tube chanel
https://youtu.be/sjNUucmdUrQ?si
02/09/2026
Joobiraa jechuun nama kalaqa Aartii dhugaatiif kaadhimamee Uumameedha.
Hundaafuu kan milkii siif haa ta'uun Hawwiikooti....
🎶✨
Entertainments
� SEDO vs JOHNNY — 50 SECONDS OF PURE ACTION! �
31/07/2026
Gadhiifameera seenaa Daawwadhaa!
Eskiyas Mezemir [King Kadimaz] - JAJA | New Ethiopian Oromo Music 2026(Official Video) Eskiyas Mezemir [King Kadimaz] - JAJA | New Ethiopian Oromo Music 2...
11/06/2026
Kuul_ Surre “Atin guddoo dhageettaa
Anin guddoo barreessaa- amma seenaafi
Sirba kiyya dhageennaan olkaatee sochootaa ati…
Atin guddoo dandeettaa- ammoo diqqoo maa ceertaa ati..”🔥🤎
Arroollee Fiichee
**************"" ""
Goota Arroollee Fiichee
Asxaa biyya fantaallee
Abbaa daamaa colle'ee
Abaaburraa ardaallee
kanniisa ilma Fiichee
Leencicha diina jiilche
bitimaan namaa sa'aa
hanguma maqaat ga'aa
seenaa gootummaa teetii
diinnuu ragaa siif ba'aa
goonni fakkaataa keetii
Leenjisoo Diigaa fa'aa
gaaraf gooron Fantaallee
Arroolleef ililchitee
biiflee darbatee hin dhabne
seenaa nuuf itichitee
yoomuu du'a hin oolanii
sanyii nuuf biqilchitee
dhiira akka kankeetii
Fardarraa finqilchitee
boorataa gaafa booree
Arroollee ilma Fiichee
dhaqaa gala boorateet
ilmaan alagaa xiichee
gootummaan sirraa tolti
lummaa Arroollee Fiichee
roorrisaa karra diinaa
ragaan kee mafaaf kiittee
farda fardaan dhaqqabdeet
xoonagee dhiira hiittee
sanyii waraan-nyaatessaa
abaabuu gara muraa
gaachana biyyaaf biyyoo
iyyan Arroolleet furaa
gaaddisa xiqqaaf guddaa
hiciqii mirga mirree
goota harkaan qaburraa
tasumaa garaa'n hirree
bishaan gaafa nagayaa
ibidda gubuu hin hillee
barruu booddaa gamasiin
raasaa gooba irreessaa
siidan gootaf dhaabbate
sona seenaa sirreessaa
hiciqii baallii galmaa
bookkisaa korma bifaa
mukukkulli gootummaa
har'aas dhalootaf ifaa
lubbuu isaa caalchisee
biyya ofii jaalataa
roorrisaan roorroo jibbu
Arroon biyyaaf lalataa
Habalee bareentumaa
Galaanirraa dhalatee
Birkii warra ulfinaa
Seenaa boonsan galatee
Irruma deddeebi'ee
Osoo dachaa dhalatee
Arroollee akka sonsaa
iddee diina laalessu
biyyaa isaa gurguruuf
Alagatti hin dhaadhessu
Gosti booxa sadeenii
fiixaa Galaan galalchaa
Beeki qarriffaan leencaa
Har'allee waa alalchaa
Qeerransa joollee Doobbee
Arroollee damee xisii
Fantaallee faajjii gadaa
teesson goototaa isii
By; Abbaa Nagaa
mararaqa waarii har'aati!