Meski Mange

Meski Mange

Share

God,Goals ,Growing and Glowing

24/08/2026

Waan addaati !
Barataa Sadarkaa biyyaatti Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa qabxii olaanaa fide Jaalal Girmaa Kuusaa !
Barataa Jaalal Girmaa Kuusaa Mana barumsa Bultii Addaa Adaamaa irraa qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa akka biyyaatti qabxii Olaanaa 591.6/600 galmesseera !

Baga gammadde Qaxalee !

23/08/2026

Maanguddoon kun Giddaa Ayyaanaatti jaarsa biyyaa, nama kabajamaa ture. Nama maatii guddaa qabu, nama kan wal lole araarsu.

Xiqqoo dhukkubni itti dhaga'amnaan yaalaa gaarii ta'e argachuu barbaadee dheengadda konkolaatota baay'ee gara Naqamtee deemaa turan sana waliin ambulaansii keessa ture. Faannoon karaa irratti namoota baay'ee ajjeesuun ni yaadatama.

Maanguddoo kanammoo ambulaansii waliin walitti gubde. Lafee tokkittii waan fuudhee awwaalu dhabee maatiin akkasumaan walitti yaa'ee boo'aa jira.

Oromoon akkasitti salphate qe'eesaarratti!

Photos from Meski Mange's post 22/08/2026

🔥 BREAKING NEWS! — 591.6/600! 🎉🏆

HERE WE GO… 591. 6/600! 🚀
ODA Special Boarding School has made history AGAIN! 📚🏆

What an incredible, impressive, and inspiring result for our school community! 🎊

This outstanding achievement is not the work of one person—it is the result of strong teamwork, committed leadership, dedicated management, passionate staff, and the determination of our brilliant students. 👏

Special appreciation to our Board, ODA Management, School Leadership, teachers, boarding-school staff, support staff, parents, and the entire ODA Special School community for your tireless commitment and belief in our students. ❤️

And to our brilliant students: CONGRATULATIONS! 🎓🔥
Your hard work, discipline, resilience, and determination have once again proven what is possible when excellence meets opportunity.

591/600 — THE HISTORY CONTINUES! 🏆
ODA SPECIAL SCHOOL — EXCELLENCE IS OUR TRADITION! 🌟

👏 Congratulations once again to the entire team!
One Team. One Vision. One Historic Result! 💪🔥

22/08/2026

Qabxii Olaanaa Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa Bara Kanaa Ifoome!

Ibsa qabxii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa har'a kennameen, qabxiin olaanaan bara kana galmaa'e ifoomeera.

Haaluma kanaan, damee Saayinsii Uumamaatiin (Natural Science) barattoota dhiiraa keessaa qabxiin olaanaan 600 keessaa 591.6 kan galmaa'e yoo ta'u, barataan qabxii ajaa'ibsiisaa kana fides barataa Mana Barumsaa Bultii Addaa Odaa magaalaa Adaamaati.

Gama barattoota dubaraatiin , damee Saayinsii Uumamaa kanaan qabxiin olaanaan 600 keessaa 583 kan galmaa'e yoo ta'u, barattuun qabxii kana galmeessistes barattuu Mana Barumsaa Injiibaaraa Agawuu Midir ta'uun ifoomeera.

Gadaa Meelbaa Goomaraa Uummataa.

21/08/2026

look Dhiiraa.đź’Şđź’Ş
Finfinnee Magaalaa Guddo Oromia

21/08/2026

AMMEE

Finfinneen handhuura Oromiyaa fi Teessoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa, teessoo mootummaa federaalaa, itti waamamni ishee immoo mootummaa federaalaaf jechuun Marii Biyyaalessaa irratti waliigalame.

Keeyyatni heera mootummaa 49 mura 5 kan Fayidaa Addaa jedhu immoo Fayidaa Waliinii kan jedhuun bakka akka buufamu waliigalamee jira.

Afaan irratti Afaan federaalaa mara fayyadamti. Bulchiinsaa fi qabeenya irratti naannoo Oromiyaa fi Finfinneetu waliin marii'atee tolfata jedhame.

Afaan waliin walqabatee immoo Afaan Amaaraa, Afaan Oromoo, Afaan Tigriffaa, Afaan Somaalee fi Afaan Afaar afaanota hojii mootummaa federaalaa akka ta'an waliigalamuu maddeen himan.

Kana malees Ayyaanni Irreechaa Ayyaana Biyyaalessaa ta'ee Kalaandarii keessa akka galus waliigalamuu maddeen walgahichaa daqiiqaawwan muraasa dura OMNtti himan.

Walgahii marii biyyaalessaa amma galgala kana sa'atii 3tti xumurame.

Mariin biyyaalessaa kun boru haasaa pirezidaantii Itoophiyaa Taayyee Asqasillaaseetiin boru cufama.

21/08/2026

Boss hojii dinqii hojjechaa jirta jabaadhuđź’Şđź’Şđź’Ş

21/08/2026

!
Yaa’iin Marii Biyyoolessaa guyyoota soddomii torbaaf gaggeeffamaa ture guyyaa har’aa, sa’aatii kanatti, goolabamee jira. Kana booda sagantaan hafe yoo jiraate, wal eebbisaniiwal gaggeessudha. Sagantaan kunis boru ganama raawwatama.

Marii kanaan yaadonni furmaataa 400 ol dhiyaatanii mirkanaa’aniiru. Garuu, yaadota furmaataati malee murtii miti. Kana hubachuun baay’ee barbaachisaadha.

Hanga anii fi hiriyoonni koo hubannutti, yaadonni furmaataa kunniin dantaa Oromoo tokkollee hin mooggessani. Kanaafuu, mariin kun milkiidhaan xumurame jechuun ni danda’ama. Gamanumaa baga gammaddan jechuun barbaada. Jarri soddaa Finfinnee Teessoo mootummaa naannoo oromiyaa akka hin taanee iyyaa baate garuu hin milkoofne irra aannee jirra!
Dhumarrattis, barri Oromoon mufatee waltajjii dhiisee ba’u darbeera. Amma humnaa fi tokkummaa keenyatti ni amanna. Kanaafuu, gadi teenyee mari’annee kutannoodhaan dantaa keenyaas kabachiifanna. Ulfaadhaa!

Haganuma!
Baga Gammaddan!🇪🇹💪

Photos from Meski Mange's post 20/08/2026

Manni Murtii adabbii hidhaa Aab Taayyee Danda'aa ganna 7 irraa gara 4'tti hiri'ifame raggaasise

+++++++++++

Dhugaa Media Finfinnee, Hagayya 20, 2026-Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Itoophiyaa, murtii hidhaa waggaa afurii deetaa Ministira Nageenyaa duraanii Aab Taayyee Danda'aa irratti Manni Murtii Ol’aanaa Federaalaa kutaan Lidataa dabarse raggaasise.

Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Itoophiyaa, Roobii, kaleessaa jechuunis Hagayya 13, 2018 ol’iyyannoo Aab Taayyee Danda'aa kuffisuun murtii mana murtii gadi aanaa ture mirkaneesseera.

Deetaan Ministira Nageenyaa duraanii, Aab Taayyee Danda'aa Araddoo, kanaan dura Mana Murtii Ol’aanaa Federaalaa kutaa Lidataan himata “meeshaa waraanaa seeraan alaa qabate” jedhuun hidhaa waggaa torbaa fi baatiin lamaa itti murteeffame ture ta’us, ol’iyyannoo adeemsifameen booda, adabbiin isaanii gara hidhaa waggaa afuriitti har'ateera.

Haati warraa Aab Taayyee, Aadde Siinaa Taayyee Alemayoo, Doochee Veele’tti akka himanitti, Aab Taayyeen komii shan isarratti dhiyaate irratti ol’iyyannoo Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti dhiyeessanii turan. Dhaddacha kaleessaa gaggeeffameen garuu murtiin mana murtii duraani raggaafameera.

Akkasumas, dhaddacha mana murtii irratti Aab Taayyeen gama isaaniin meeshaa waraanaa qabatanii argamuu isaanii akka hin haalle.

Haa ta’u malee, dhimma isaanii irratti namoota biroo waliin wal qixa murtiin akka hin ilaalamne fi ragaa ittisaa shan keessaa lama qofa mana murtiitti dhaggeeffatamuu komachuu isaanii haati warraa isaanii ibsaniiru.

Dhimma Aab Taayyee Danda'aa irratti murtiin kaleessa kenname raggaasifamuun alattis, dhimma biraa walqabatu irratti abbaan alangaa ol’iyyannoo dhiyeessuu fi dhaddachi dhimma sanaa Onkoloolessa 17, 2019'tti beellamamuu DW gabaaseera.

Photos from Meski Mange's post 20/08/2026

S A L A A L E E - Godaambaa Aadaa Oromoo

Goobee fi Shinooyyeen eegale

Birraa - Qarree - Qeerroo

Category

Website

Address

Addis Ababa