Labuu Inspire

Labuu Inspire

Share

Jechoota kaka'uumsaa argachuuf account koo kana follow, like fi copy link godhaa!

Photos from Labuu Inspire's post 30/08/2026

Wantoota 6 kanaaf dhimmamuu dhiisaa.
1. Namoonni biroo waa'ee kee maal yaadu.
2. Dogoggora kee kan darbe.
3. Sodaa kufaatii.
4. Hiriyyoota sobaa.
5. Hawaasni irraa eegamu.
6. Wantoota ati hin qabne.

09/08/2026

📚Amaloota Namoota Milkaa’inni 📚

Addunyaa kanarratti namootni jireenya isaanii keessatti milka’aan jedhaman amaloota wal isaan fakkeessu hedduudha qabu. Amalootni isaan wal fakkeessu kunneen iccitii milka’inaa akka ta’anis irratti walii galama.

1️⃣Namootni milka’an ofitti amanu

Jireenya keessan keessati waan abjootan milkeessuu yoo barbaadan; abjuu keessan galmaan gahuu akka dandeessan onnee keessaniin amanuudha qabdu.

Ofitti amanuun kan wajjiin dhalanne osoo hin taane filannoo keenyaan kan dhufuudha. Namootni milkaawan jedhaman iccitii milkaa’ina isaanii yoogguu dubbatan yoo dhageessan ta’e milkaa’ina isaaniif sababni guddaan “wanti hunduu ni danda’ama !”

Jedhaanii waan amananiif malee kennaa addaa wajjiin waan dhalataniif akka hin taane himu. Jabaadhee waanan dubbiseef,hojjadheef….bakkan hara’a jiru gahe siin jedhu. Atis bakka yaadde gahuu akka dandeessu laphee keen amani.

2️⃣Namootni milka’aan kaayyoo qabu. Hundi keenya uumamaan Sammuu waa kaayyeessuu danda’u qabannee dhalanna. Yoo sammuu keetti waa kaayyeffatte bakka yaade gahuuf halkaniif guyyaa carraqxa.

Kaayyoon sammuu kee kessatti jiru humna siif ta’a; bu’aa ba’ii jireenya keessatti gufuun yoo si muuddata akka laayyooti akka hin kufne ; yoo kuftes kuftee akka hin hafne; miixxattee akka kaatu;akka abdii hin kutanne humna sitti hora.

3️⃣Namootni milkaa’an tarkaanfi tokko ful-duratti tarkaanfatu

Namootni milka’an kan namootni eeganin alatti dhimma boba’an irratti cimsanii hojjatu. Barataa yoo ta’e haala gaariin qo’achuu; daldalaa yoo ta’e ammoo maamiltoota Isaa haala akamiin qabuun akka irra jiraatu ni beeku.

4️⃣Namootni milka’an tarkaanfii fudhatu.

Namootni milka’an iccitii tokko beeku ” Addunyaa kanarratti tattaafii malee bu’aan argamu akka hin jire; No gain without pain” jedhaniti amanu. Kanaaf bakka yaadan gahuuf sadarkaa garagaraatti murtii dabarsu/tarkaanfii fudhatu. Bakka yaadde gahuu yoo barbaadde afaaniin qofa haasa’uu hin qabdu;bakkayaadde kan si qaqqabsiisu tarkaanfii keetidha

07/08/2026

Jireenya milkaa'aa jiraachuuf qajeeltoowwan jireenyaa sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaadha!

1) Inni jalqabaa of simachuu /self acceptance / seenaafi muuxxannoo gaarii qofa osoo hin taane seenaafi mudannoo jireenyaa gaarii hin taanellee simachuun barbaachisaadha.

2) kaayyoo jireenyaaf jiraachuu dha/ Living for life purpose/ jedhu hayyoonni. Ilmi namaa kaayyoo itti jiraatuuf qaba.

3) Dorgommii hin taaneerraa fagaachuun /Avoiding competition/ barbaachisaa ta'uu hayyoonni ni gorsu. Namni ofiin malee isa kaaniin dorgomuu hin qabu.

4) Ilaalchaafi yaada qajeelaa/ positive thinking/ qabaachuudha. Yeroo hunda hamaa yookiin jallina yaadda yoo ta'e gammachuu argachuu hin dandeessu.

5) Yeroo hunda barachuuf eeyyamamoo / Being Willing to learn / ta'uunis gaariidha jedhu hayyoonni. Yeroo hunda dubbisuu, gaafachuu, hubachuun sirraa eegama.

6) Qaroominaan fuula duratti imaluu / walking with Wisdom/ qabda jedhu hayyoonni. Qaroominni /wisdom/ beekumsarraa adda ta’uu hubadhu. Akkamitti akka jiraattu, akkamiin rakkoo akka furtu, hojii milkaa'aa akkamitti hojjechuu akka dandeessu si barsiisa. Qaroomina /wisdom/ qabda taanaan diinakee yookiin nama ilaalcha gaarii siif hin qabne, qajeelchuu, sirreessuufi amansiisuu dandeessa.

7) Dandeettii yookiin beekumsa addaa / Being intelligent / qabaachuunis gaariidha jedhu hayyoonni. Dandeettii yookiin beekumsi addaa barumsa idilee/ Conventional/ irraa argamuu danda’a.

8) Beekmsa saayinsawaa, amantaafi aadaa qabaachuu dandeessa, miirakee hin to'attu taanaan beekumsa qabaachuunkee gatii hin qabu jedhu beektonni.

9) Miira ofii to'achuun murteessaadha jedhu hayyoonni.

10) Haala salphaan namatti qabamuufi aaruun /Taking no offence easily / barbaachisaa miti jedhu hayyoonni. Namoonni si aarsan heddummaachuu danda'u, kanaafuu nama meeqatti aartee, gubattee dandeessa Kanaafuu itti hin qabamiin, kolfii bira darbi.

02/08/2026

....Umrii kee waggaa 20ota ykn 30ota keessa jirtaa?

​Ganama yeroo hirribaa kaatu "Jireenyi koo duubatti hafeera" miirri jedhu sitti dhaga'amaa?

​Naannoo kee yeroo ilaaltu namni hundi karaa jireenya isaa waan argate sitti fakkataa?... Inni tokko mana daldala banateera... Inni kaan gaa'ela dhaabbateera... Inni biraan addunyaa irra naanna'a... Hundi isaanii gammadoo, firii qabeeyyii fi kan milkaa'an sitti fakkatu...

​Ati garuu achuma jirta, "Ammas yeroon qaba..!" Anis nan qaqqaba jettee of amansiisuuf yaalta. Garuu keessi kee si hin fudhatu... Keessi kee "Sirra dabreera" jedhee iyya jabaa iyya.

​Obboleessa koo... Rakkoon kee ofii kee namoota biroo waliin dorgomsiisuu keeti.

​Wanti ati Miidiyaa Hawaasaa (Social media) irratti argitu guutummaa Isaa jireenyaa dhugaa miti... Namoonni kan siitti agarsiisan injifannoo fi milkaa'ina isaanii qofa... Imimmaan, kufaatii fi yaaddoo isaanii si hin agarsiisan.

​Dargaggeessa umrii waggaa 23tti dhaabbata bane argita... Ji'a 6 booda kisaaree cufamuu isaa garuu hin argitu.

​Intala umrii waggaa 25 addunyaa irra naannoftu argita... Liqiidhaan akka jiraattu garuu hin beektu.

Ammas Namoita umrii waggaa 27tti sirna gaa'elaa Ajaa'iba ta'een heeruman (wal fuudhan) argita... Garuu iyyansaa fi wal loliinsa malee suuta jedhanii waliin dubbachuu akka hin dandeenye hin argitu.

​Michuu koo... Ati duubatti hin hafne.
Jireenyi dorgommii miti.

​Waggaa 20onni fi 30onni "Xumura waan hundumaa" utuu hin taane; Jalqaba waan hundumaa, bara yaalii, bara kufanii ka'uuti.

​Waggaa 20ota dabarsitee
Waggaa 30ota keessa xumura irratti hojii kee argachuu dandeessa... Waggaa 40ota keessa immoo of argachuu fi of beekuu dandeessa... Waggaa 50ota keessa jaalalaan gaa'ela dhaabbachuu dandeessa... Waanti "Yeroo sirrii jireenyaa" jedhamu hin jiru.

Tokkoof dursee milkaa'uufii danda'a, tokkoof immoo dulluma keessa milkaa'uufii danda'a.

​Galgalliis umriidha... Kadhannaan "Buddeena galgalaa naa kenni" jedhamu kan kadhatamuuf kanumaafi.

​Kanaaf... Har'a jireenya namoota biroo caalaa imala ofii keetii kabaji.

Suuta jettee yoo deemtes tarkaanfataa jirta. Kufaatiin kee xumura kee miti... Kufaatiin har'aa milkaa'ina boruutiif sababa ta'a.
​Ati nama gatii hin qabne miti... Ati nama jabaa adeemsa keessa jiruudha!! Uumaan yaada kee guutuu siif haa milkeessu, argatanii dhabuu irraa si haa fageessu.

Photos from Labuu Inspire's post 01/08/2026

Dubbisi, itti fayyadamuuf yaali si fayyadaa!
Gorsa Hayyootaa!

Photos from Labuu Inspire's post 26/07/2026

Dubbisi si fayyadaa!
Gorsa jireenyaa fi sammuu namaama jabeessan! Dubbisaatii irraa fayyadamaa!

Photos from Labuu Inspire's post 24/07/2026

Wantoota shan(5) jireenya fi ilaalcha keenya jijjiiruu danda'an: dubbisi.

30/04/2026

Living is not fu*ing easy!

Photos from Labuu Inspire's post 30/04/2026

Suuraalee ajaa'ibaa!
Just for refreshments

06/03/2026

I got over 100 reactions on one of my posts last week! Thanks everyone for your support! 🎉

Category

Website

Address

Addis Ababa