Dechasa Amenu
Injifatan Hamilee hin dhabuu injifachuuf dhama'i.!!
✟✟✟
29/07/2026
NA BARSIISI🧎🏿🤲🏿🔥
ALBUM VOL.3
Guyyaa 2 qofatu hafe!
Dawit Girma
24/07/2026
22/07/2026
GUNGUMU!🔥🔥🔥
Coming soon 🔜
21/07/2026
*
*
*
'iin
Amanuu
godhaa
18/07/2026
16/07/2026
🚨 Kunoo oduu guddaa! Arsenal taphataa baallee (winger) haaraa Christos Tzolis mallatteessuuf waliigaltee guutuu irra ga'e. 🔴⚪️🇬🇷
Arsenal, €40 miiliyoona kaffaluun Tzolis mallatteesse.
Tzolis, yaada gareewwan biroorraa dhiyaatan hunda diduun Arsenal qofaaf taphachuu barbaade.
Club Brugge gatii gaafate guutummaatti waan argateef gurgurtaa kana eeyyame.
Tzolis bakka Leandro Trossard bu'a jedhamee eegama.
Kana malees Arsenal yeroo gannaa kana winger biraas mallatteessuuf karoorfateera; Morgan Rogers filannoo isaanii isa jalqabaa ta'ee jira.
12/07/2026
🚶🚶♀️
Dubaartittin cubbuu ishe baattee gara Yesus dhuftee.
Isheen dhiifama argaatte deemte.
Daqiiqaa tokkittin miilla Yesus jalaatti dabarsinu,jireenya keenya jijjiira.boqonnaa barabaraa nuf kenna.
Osoo gara isa hin dhufiin duraa of-qulqulleessun si hin barbaachiisu.
Ba'aa kee wajjin gara isa koottu.
Lafaa keessee deemta.
Cubbuu kee wajjin gara isa koottu.
Dhiifama argaatte deemta.
“Cubbuun ishee inni baay'een dhiifameeraaf...” Luq.7:47 📖🎚
10/07/2026
🙏
Jireenyi nama hundaa imala jalqabbii tokkoo irraa ka'a. Milkaa'inni nama ajaa'ibsiisu kamiyyuu tasuma hin dhalatu; Kutannoo, obsa, cimanii hojjechuu fi, hunda caalaa, gargaarsa Waaqayyootiin ijaarama. Kitaabni kunis yaada qofa irraa kan madde utuu hin ta'iin; kadhannaa, xiinxala gadi fagoo, muuxannoo jireenyaa fi ayyaana Waaqayyoo irraa kan dhalate dha.
Yeroo baay'ee namoonni milkaa'ina barbaadu; garuu eessaa akka jalqaban wallaalu. Namoonni hedduun kaayyoo guddaa qabu; garuu bu'uura sirrii dhabuu isaanii irraa kan ka'e imala isaanii gidduutti dhaabbatu. Kanaaf gaaffiin guddaan, "Eessaa Jalqabuu?" jedhu, gaaffii jireenya nama hundaa ilaallatu dha.
Yeroon barreessuu kitaaba kanaa, yeroo gammachuu qofa osoo hin ta'in yeroo wal'aansoo, yaaddoo, dadhabbii fi qormaata adda addaa keessa darbeera. Garuu haala hundumaa keessatti ayyaanni Waaqayyoo naaf baayyachuun, abdii natti horee humnako haaressuun, hojii kana akkan xummuru na taasise.
Ulfinni hundi Waaqayyoof haa ta'u. 🙏
Kitaabni kun qubee walitti qindeeffame qofa miti. Kadhannaa, imimmaan, yaada gadi fagoo, muuxannoo jireenyaa, fi hawwii dhaloota imala isaanii bakka sirrii irraa jalqabanii jireenya isaanii jijjiiran argu irraa dhalate. Sababiin isaas, milkaa'inni bakka ga'uu qaban ga'uu qofaan hin madaalamu; galma ga'uudhaaf bakka sirrii irraa jalqabuuns murteessaadha waan ta'eef.
Walumaa galatti, hawwiin koo inni guddaan, namni kitaaba kana dubbisu kamiyyuu of ilaalee, of hubatee murannoo haaraan ka'ee gara kaayyoo Waaqayyo isaaf qopheesseetti deemu isaa arguudha.
Maarree fuuldura kanatti guyyaa fi bakka itti eebbifamu isin beeksifna.
Hangasitti gochuun nama hundaan akka naaf geessiftan kabajaan isinan gaaffadha.🙏
09/07/2026
itti roobee dhaamonnaan gaafa Sangaa guddaa tokkorra teessee yeroo dheeraaf aduu hoo'ifataa turte. Dhaamonnaan erga ishee gadhiisee booda gara gurra sangichaatti siqxee, "Nan gadda, amma si dhiisee deemuu kiyya" ittiin jette. Sangichis," Yeroo qubattu natti hin dhagahamne, yoo kaatee deemtus waan natti dhagahamu natti hin fakkaatu" jedhee deebiseef. Jireenya nama maraa keessa waantonni jiraachuun isaanii nama hin fayyadne, deemuun isaaniis nama hin miine danuutu jira. Rakkinni guddoon adda baasanii laaluu dhabuudha.
Nama torbanii nu haa taasisu!🙏
04/07/2026
......
👇
Hunduma keessaniif nagaan Waaqayyoo haa baay'atu jechaa, sagantaan eebba Album lakk. 3ffa Obboleessa keenya Faarfataa Dawit Girma gaafa Adoolessa 25/ 2018 yoo ta'u, bakki sagantaan kun itti gaggeeffamu immoo waldaa ADDIS KAAHINAT CHURCH ( MARCIL TV ) BOLE HOMES tti, guyyaa keessaa sa'a 8:30 irraa eegalee akka ta'u koreen sagantaa kana qindeessu beeksisee jira!
"Ammasitti obboleessa keenya kana kadhannaa fi waan keessa keessan guuteen tumsuu keessan ittuma fufaa jechuu barbaanna" isiniin jedhu. Eebbifamaa!🙏
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Telephone
Website
Address
Addis Ababa