Kebor Multimedia

Kebor Multimedia

Share

Keebor Media
Ibsaa Daandii dhugaa_የእዉነተኛ መንገድ ብርሃን
☆Sagantaawwan
Da'awaa
Odeeffannoo
Nashiidaa

13/10/2026

Dr jeylaan muftii afriikaa || halqaa daarul hadiis nageellee booranaatti dubbatan

12/10/2026

Buufanni Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Riyaad Cufame.
*****************************

KEEBOR MEDIA |
Onkol 12/2026 |
***
Sa’ud Arabiyaan, Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Mootii Khaalid magaalaa Riyaaditti argamu, sababa haleellaa gareen Huutii Yaman raawwateen hanga Onkololeessa 17, bara 2026tti cufuu ishee ibsameera.
***

Akka gabaasaalee miidiyaalee idil-addunyaa Reuters fi Anadolu’n gabaasaniitti, haleellaa dhuma torbee darbe raawwatameen namoonni 13 du’uun, namoonni 309 ammoo madaa’uun himameera.
***

Haleellaa dabalataa buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Riyaad irratti raawwatameen namni tokko du’uu fi namoonni 11 madaa’uu isaanii gabaafameera.
***

Mootummaan Sa’uud Arabiyaa nageenya buufata xiyyaaraa fi haala hojii isaa mirkaneessuuf qorannoo dabalataa gaggeessaa akka jiru gabaasni kun ni ibsa.
***

Cufamuu buufatichaa hordofuun dhaabbileen xiyyaaraa idil-addunyaa hedduun balallii Riyaaditti fi Riyaad irraa gara biyyoota biroo taasisan haqaa ykn jijjiiraa akka jiranis himameera.
***

Madda: Reuters fi Anadolu

KEEBOR MEDIA
Ibsaa Daandii Dhugaa

✍Ukaashaa Sheek Abdulqaadir

Nuhordofaa
👇👇👇
Facebook. To connect with Facebook
👇👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=100090463585308
👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=61585458022947

YouTube
??👇👇
https://www.youtube.com/

Telegram
👇👇👇
https://t.me/KeborMedia

TikTok
👇👇👇
tick.com/.multimedia

12/10/2026

Mootummaan Federaalaa Hanga Filannoon Naannoo Tigraayitti Geggeeffamutti Naannicha Guutuu Ni Bulcha jedhan Obbo Geetaachoo Raddaa
*******************************

Keebor Media | Oct 12/2026 |
***

Pirezidaantiin duraanii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa, hanga filannoo naannichaa gaggeessuuf haalli mijataan uumamutti mootummaan federaalaa naannoo Tigraay guutuu akka bulchu dubbatan.
***

Obbo Geetaachoon gaaffii fi deebii televijiinii dhuunfaa TBS waliin Afaan Tigiriffaan taasisaniin, yeroo ammaa naannichi Command Post mootummaan federaalaa durfamuun akka bulfamu ibsaniiru.
***

Akkasumas, filannoo naannichaa gaggeeffamuun bulchitoonni aanaalee akka muudaman karoorfamuu himaniiru.
***

Obbo Geetaachoon, gorsaa dhimma Baha Afrikaa Muummee Ministiraa Itoophiyaa Abiyyi Ahimad ta’uun erga muudamanii booda, guyyaa kaleessaa gara Maqalee imaluun haala yeroo naannichaa irratti ibsa kennaniiru.
***

Ibsa isaanii keessatti, iddoowwan hedduun naannoo Tigraay yeroo ammaa to’annoo mootummaa federaalaa jala jiraachuu eeruun, bulchiinsi yeroo naannichaa itti fufuu ibsaniiru.
***

Mootummaan federaalaa karooruma isaa keessatti, baatiiwwan jahan dhufan keessatti naannoo Tigraayitti filannoo gaggeessuuf akka yaade Obbo Geetaachoon akeekaniiru.
***

Ibsi isaanii kunis, erga Raayyaan Ittisa Biyyaa fi humnoonni naannoo Tigraay iddoowwan duraan to’annoo humnoota TPLF jala turan qabatanii booda kan kenname ta’uun ibsameera.
***

Madda: TBS TV

KEEBOR MEDIA
Ibsaa Daandii Dhugaa

✍Ukaashaa Sheek Abdulqaadir

Nuhordofaa
👇👇👇
Facebook. To connect with Facebook
👇👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=100090463585308
👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=61585458022947

YouTube
??👇👇
https://www.youtube.com/

Telegram
👇👇👇
https://t.me/KeborMedia

TikTok
👇👇👇
tick.com/.multimedia

11/10/2026

Masiir Lammiilee Nagaa Sudaan 200 Ol Ajjeesuu Ishee Gabaafame.
***

Keebor Media | October 11/2026

***
Xiyyaarri waraanaa Masrii naannoo Kaaba Al-Waadii keessatti lammiilee nagaa Sudaan albuuda aadaa baasuun jiraatan irratti haleellaa raawwachuun namoota 200 ol ajjeesuu fi hedduu madeessuu isaa miidiyaaleen Sudaan gabaasaniiru.
***

Akka gabaasa Sudan Tribune jedhutti, haleellaan kun hojjettoota albuudaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta'u, namoonni madaa'an gara iddoo gabaa naannoo sanaatti geeffamaniiru; kanneen biroonis gara naannolee biraatti baqataniiru.
***

Haa ta'u malee, lakkoofsi namoota ajjeefamanii fi eenyummaa xiyyaarota haleellaa raawwatan hanga ammaatti qaamolee walaba ta'aniin guutummaatti hin mirkanoofne.
***

Gabaasota miidiyaalee Sudaan tokko tokkoon haleellaan kun mootummaa Masrii waliin walqabsiifameeraTa'us, qaamni haleellaa kana raawwate eenyu akka ta'e fi iddoon haleellaan kun itti raawwatame daangaa biyyoota lamaan keessaa kam keessatti akka argamu qorannoo dabalataa barbaadas jedhameera.
***

Maddi: Sudan Tribune fi Sudan Independen
***

Keebor Media
Ibsaa Daandii Dhugaa

✍Ukaashaa Sheek Abdulqaadir

Nuhordofaa
👇👇👇
Facebook. To connect with Facebook
👇👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=100090463585308
👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=61585458022947

YouTube
??👇👇
https://www.youtube.com/

Telegram
👇👇👇
https://t.me/KeborMedia

TikTok
👇👇👇
tick.com/.multimedia

Photos from Kebor Multimedia's post 11/10/2026

Koreen Eebba Kitaaba QAROO QARA LAMAA Sagantaa Galateeffannaa Taasise
***

Keebor Media | Onkoloolessa 01/2019
**
Koreen Eebba Kitaaba QAROO QARA LAMAA, namoota dhuunfaa fi dhaabbilee saganticha milkeessuu keessatti gahee olaanaa bahataniif sagantaa galateeffannaa qopheessuun galateeffateera.
***

Dabalataanis, koreen kun dhaabbilee Majlisa Godinaa Fi Magaalada Qaama mootummaa, Jama'aa Dargaggoota Magaalaa, dhaabbilee miidiyaa fi qaamota biroo saganticha milkeessuuf gumaacha taasisaniif waraqaa ragaa galateeffannaa kennuun, affeerraa irbaataas Taasiseera.
***

Sagantaan galateeffannaa kun namoota dhuunfaa fi dhaabbilee milkaa'ina sagantichaaf gumaacha taasisan galateeffachuuf kan qophaa'e yoo ta'u, tumsaafi qindoomina qaamolee garaagaraa gidduutti taasifame kan dinqisiifatu ta'uus ibsameera
***

KEEBOR MEDIA
Ibsaa Daandii Dhugaa

✍Ukaashaa Sheek Abdulqaadir

Nuhordofaa
👇👇👇
Facebook. To connect with Facebook
👇👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=100090463585308
👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=61585458022947

YouTube
??👇👇
https://www.youtube.com/

Telegram
👇👇👇
https://t.me/KeborMedia

TikTok
👇👇👇
tick.com/.multimedia

Photos from Kebor Multimedia's post 10/10/2026

Koreen Sagantichaa Ulamaa'otaa fi Hayyoota Eebba Kitaaba Irratti Carraa Dubbachuu Hin Argatin Dhiifama Gaafate
*********************

Keebor Media | Fulbaana 30/2019
***

Koreen sagantaa eebba kitaaba QAROO QARA LAMAA gaggeesse, ulamaa'ota, hayyoota, doktarootaa fi keessummoota saganticha irratti hirmaatan keessaa carraa dubbachuu hin arganneef dhiifama gaafateera.
***

Koreen kun keessummoota akka Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa, Ustaaz Sufyaan Usmaan, , Ustaaz Kaamil Shaamsuu, Doktar Abdulaziiz Ibraahim, Sheekh Amiin Ibroo, Dr Mahmud Huseenaa, Sheekh Kaamil Aliyyii, fi ulamaa'ota biroo dabalatee hirmaattota hundaaf kabajaa fi galata guddaa qabaachuu ibsuun Dhiifama Gaafateera.
***

Sababa haala yeroo sanaa fi qophii sagantichaa keessatti mudateen carraa hirmaannaa Dubbii namoota hundaaf kennuun akka hin danda'amne ibsuun, maqaa hawaasa Shaashamannee fi koree qindeessitootaan dhiifama gaafateera.
***

KEEBOR MEDIA
Ibsaa Daandii Dhugaa

✍Ukaashaa Sheek Abdulqaadir

Nuhordofaa
👇👇👇
Facebook. To connect with Facebook
👇👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=100090463585308
👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=61585458022947

YouTube
??👇👇
https://www.youtube.com/

Telegram
👇👇👇
https://t.me/KeborMedia

TikTok
👇👇👇
tick.com/.multimedia

10/10/2026

Yeroo Afaan Oromoo Raadiyoo Cabsa Jedhame Sheekh Muhammad Rashaad Abdullee Fa'a Waliin Qabsaa'aa Turte.
***

SABBOONTUU SABAA:- DUBARTII SEENAA HIN DAGATAMNE GALMEESSITE.

Keebor Media | Ibsaa Daandii Dhugaa

Seenaa keessatti namoonni muraasni jireenya isaanii qofa osoo hin taane, seenaa saba isaanii keessatti mallattoo hin dagatamne Hojjatu. Isaan keessaa tokko Sabboontuu Sabaa yoo taatu, seenaa qabsoo, jaalala saba ishee fi afaan Oromoo guddisuu keessatti gahee olaanaa qabdi.
***

Yeroo afaan Oromoo raadiyoo irratti dhaga'amuun illee dhorkaa cimaa keessa turetti, Sabboontuun Sabaa qormaata hedduu keessa darbiteetti. Haala yeroo sanaatiin biyya keessaa baqattee gara Magaalaa Maqdiishoo, biyya Somaalee, deemuun, namoota akka Sheekh Abdurraashid Abdullee fi Waqoo Guutuu waliin sochii qabsoo keessatti hirmaachuun ishee seenaa jireenyaa ishee keessaa tokko.

Akkasumas, akka seenaa ishee keessatti himamutti, Haaji Hasan Gammadaa waliin bosona Baalee keessatti qabsoo hidhannoo keessatti hirmaachuun ishee seenaa gootummaa fi kutannoo ishee ibsa.
***

Waggoota muraasa booda carraan afaan Oromoo raadiyoo irratti dubbachuuf yeroo argame, Sabboontuun Sabaa carraa sana fayyadamuun afaan Oromoo dhageessisuu fi eenyummaa saba ishee mul'isuuf gumaacha taasifteetti. Kunis seenaa afaan Oromoo keessatti yaadatamuu qabu keessaa isa tokko.
***

Har'a, guyyaa eebba kitaaba QAROO QARA LAMAA, kitaaba seenaa goota Oromoo Haaji Hasan Gammadaa irratti xiyyeeffatu, Sabboontuun Sabaa dhibee irraa fayyuuf Magaalaa Finfinnee keessatti hospitaala ciiftee Osoo Jirtuu jaalala seenaa fi saba ishee irraa qabduuf argamuun ishee namoota hedduu dinqisiiseera.
***

Argamuun ishee kun jaalala seenaa saba ofii, kabaja goototaa fi kutannoo ishee kan agarsiisu yoo ta'u, seenaa namoota qabsoo keessatti qooda qaban dhaloota ammaa biratti akka hin dagatamne yaadachiiseera.
***

Gamanumaan hundi keessan Rabbiin fayyaa guutuu isheef akka kennu, umurii dheeressu kadhadhaafii.
***

Kebor Multimedia
Ibsaa Daandii Dhugaa

10/10/2026

Geerrarsa
Kuni Sirba Osoo Hin Taane Sirna
Art

Haajii Hasan Qaroo Qara Lamaati
Seenaa Hundaaa Qaban

Kebor Multimedia
Ibsaa Daandii Dhugaa

10/10/2026

Hoogganaan Koree Eebba Kitaaba QAROO QARA LAMAA Ergaa Galatoommaa Dabarsan.
********************

Keebor Media | Fulbaana 30/2019
***

Hoogganaan Koree Sagantaa Eebba Kitaaba QAROO QARA LAMAA, Ustaaz Musxafaa Huseen, sagantaan eebba kitaabichaa milkaa’ina olaanaadhaan xumuramuu isaa ilaalchisee ergaa galatoommaa dabarsaniiru.
***

Ustaaz Musxafaa Huseen, namoonni waamicha koree kabajanii sagantaa eebba kitaabichaa irratti argamuun milkaa’ina sagantichaa keessatti gahee isaanii bahattan hundi galata guddaa akka qaban ibsaniiru.
***

Addatti Keessummoota Kabajaa fi Hogganootaaf Galata Addaa Dhiyeessan
***

Hoogganaan koree kun keessummoota kabajaa fageenya adda addaa irraa dhufanii saganticharratti hirmaatan, hoggantoota Majlisa Federaalaa fi Majlisa Naannoo Oromiyaa, akkasumas hoggantoota Majlisa Naannoo Sidaamaa, hoggantoota godinootaa fi aanaalee Oromiyaa garaagaraa irraa argaman galateeffataniiru.
***

Dabalataanis, Kantiibaa Magaalaa Shaashamannee Obbo Adaanee Taklagiyoorgis dabalatee hoggantoota mootummaa biroo, lafa Kolleejjii fi maqaa Haaji Hasan Gammadaatiin daandii moggaasuun gumaacha taasisan, akkasumas abbootii qabeenyaa deeggarsa garaagaraa taasisan galateeffataniiru.
***

Ustaaz Musxafaa Huseen, miidiyaaleen sagantaan kun akka milkaa’uuf jalqabaa kaasee hanga xumuraatti hojii tamsaasaafi beeksisaa keessatti hirmaatanis galata guddaa akka qaban ibsaniiru.
***

Keessumaa, Keebor Media dabalatee miidiyaalee sagantichaaf deeggarsa odeeffannoo fi tamsaasa taasisan hundaaf ergaa galatoommaa dabarsaniiru.
***

Xumura irratti, koreewwan sagantaan kun akka milkaa’uuf jalqabaa hanga xumuraatti yeroo, humnaafi beekumsa isaanii kennuun hojjatan hundaaf galata guddaa dhiyeessaniiru.
***

Akkasumas, Majlisa Godina Arsii Lixaa, Majlisa Magaalaa Shaashamannee, dargaggoota Muslima Magaalaa Shaashamannee, akkasumas hawaasa bal’aa saganticharratti argamuun milkaa’ina isaa keessatti gahee isaanii bahatan hunda galateeffataniiru.
***

Xumura irratti, Ebbi kitabaa kun Itti Fufuun biyyotaa Addunyaa akka Awurooppaa, Ameerikaa fi Baha Giddu Galeessaa (Biyya Arabaa) keessatti Kan Eebbifamu Tahuu Ibsuun sagantaan eebba kitaaba QAROO QARA LAMAA milkaa’ina olaanaadhaan, karaa nagaa fi tasgabbii qabuun gaggeeffamee xumuramuu isaa Ustaaz Musxafaa Huseen ibsaniiru.
***

KEEBOR MEDIA
Ibsaa Daandii Dhugaa

✍Ukaashaa Sheek Abdulqaadir

Nuhordofaa
👇👇👇
Facebook. To connect with Facebook
👇👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=100090463585308
👇
https://www.facebook.com/profile.php?id=61585458022947

YouTube
??👇👇
https://www.youtube.com/

Telegram
👇👇👇
https://t.me/KeborMedia

TikTok
👇👇👇
tick.com/.multimedia

Photos from Kebor Multimedia's post 10/10/2026

Saahiboota Seenaa Dagatame Dhalootaaf Haaromsan
Ustaaz Qamar Huseen Kitaaba Barreessuun
Ustaaz Musxafaa Huseen Eebba Kitaabaa Milkeessuun

Hawaasni Kormaaf Kormatuu Mala Jechuun
Farda Sangaa Badhaasan.

Ammas Hedduu nu boonsitan, waan Seenaa Bulaaf Turaa dhalootaaf gumachitan

Galatoomaa Ulfaadhaa Jedhan Hawaasni Bal'aan Sagantichartatti Argaman.

Kebor Multimedia
Ibsaa Daandii Dhugaa

Telephone

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kebor Multimedia posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Subscribe

We will notify you when anything happens in Addis Ababa.