Ahmed Siraj

Ahmed Siraj

Share

Addunyaa Dabni
Irratti Ija Baase
Kana Keessatti
Maaliifan
Miidhamee
Jechuun Mataan
Isaa Miidhaa
Qaba Addaan faca'uu moo
akka keenya kalee
Tokkummaa'uuf deema?

Yaa abboota qabsoo
hayyoota siyaasaa
Gamaa fi gamas deemuun
dhuguma nu baasaa? Hin usinaa nurraa
nu dhagahaa malee
Daa'imman keessan kun
boriif mee maal dhaale? waanti naaf hin galle?
--
Walitti idaa'aamaa
bakkayyuu wal yaamaa
Humni qabnu cufti
yoos qabsoof kuufamaa
Uummanni Oromootis
gaafas kabajamaa
--
Qabsoon qeerrookeetii
dhiiga ishee lolaaftee
Nutu galmaan gaaha
utuu tokko taatee
--
Daa'imman keenya kana
ol adeemtuu keessan
Haawwii fi fedhii ishee
waanti ittiin milkeessan
Xiqqeessuun jaarmiyaa
kaayyoo tokkummeessuu
Qofaa malee hin jiruu
lammiikoo dhageessuu?
-
Waanti nuuf gabaabsu
daandii bilisummaa
Uummata Oromootiif
tokkummaa tokkummaa
Sabakoo tokkummaa
Qeerrookoo tokkummaa
Qarreewwan tokkummaa
Jaarmiyaan tokkummaa
Jaarsoliin beektonni
rogeeyyii hundumaa
Maaloo waloo galaa
walitti nuuf waamaa
Asitti haa dhaabbatu
seenaan adda addumma
Dhalootni akka dhaaluuf
nurraa bilisummaa
===============

23/09/2026

π‘«π’Šπ’”π’‰π’Šπ’Š π’‡π’Š 𝑫𝒆𝒄𝒐𝒅𝒆𝒓 𝒏 π’Žπ’‚π’‚π’π’Šπ’Š? π‘¨π’Œπ’Œπ’‚π’Žπ’Šπ’•π’Šπ’Š π’˜π’‚π’π’’π’–π’π’π’‚π’Žπ’‚ ? Diishii (Dish) fi Dikoodarri (Decoder) meeshaalee bu'uuraa tamsaasa saatelayitii irraa gara televizyiniitti dabarsuuf tajaajilanidha. Hojii fi walqunnamtiin isaanii akka armaan gadiitti ibsama:

1. π‘«π’Šπ’Šπ’”π’‰π’Šπ’Šπ’ (π‘Ίπ’‚π’•π’†π’π’π’Šπ’•π’† π‘«π’Šπ’”π’‰) π‘΄π’‚π’‚π’π’Šπ’Š?
Diishiin anteenaa boca sahanii (parabolic) qabu yoo ta'u, hojiin isaa inni guddaan mallattoo (signal) saatelayitii hawaa keessa jiru irraa dhufu qabachuu fi sassaabuudha. Mallattoo kana bal'inaan sassaabee bakka tokkotti walitti qabuun gara meeshaa xiqqaa fiixee isaa irra jiru kan LNB (Low Noise Block) jedhamuutti qajeelcha.

2. π‘«π’Šπ’Œπ’π’π’…π’‚π’“π’“π’Š (𝑫𝒆𝒄𝒐𝒅𝒆𝒓 / π‘Ήπ’†π’„π’†π’Šπ’—π’†π’“) π‘΄π’‚π’‚π’π’Šπ’Š?
Dikoodarri meeshaa elektirooniksii mallattoo diishii irraa dhufe hiikuudhaan gara suuraa fi sagaleetti (video and audio) jijjiiruudha.

Mallattoon saatelayitii irraa kallattiin dhufu TV dhaan waan hin dubbifamneef, dikoodarri akka hiiktuutti (translator) hojjechuun mallattoo sana bifa TV'n hubachuu danda'un dhiyeessa.

π‘¨π’Œπ’Œπ’‚π’Žπ’Šπ’•π’•π’Š 𝑾𝒂𝒍 π‘Έπ’–π’π’π’‚π’Žπ’–? (π‘¨π’…π’†π’†π’Žπ’”π’‚ π‘―π’π’‹π’Šπ’Š)

=>>π‘Ίπ’‚π’‚π’•π’†π’π’‚π’šπ’Šπ’•π’Šπ’Š π’Šπ’“π’“π’‚π’‚ π’ˆπ’‚π’“π’‚ π‘«π’Šπ’Šπ’”π’‰π’Šπ’Š: Saatelayitiin hawaa keessa jiru mallattoo gara lafaatti erga. Diishiin (yoo kallattii sirriitti qajeele) mallattoo kana ni qabata.

=>>π‘«π’Šπ’Šπ’”π’‰π’Šπ’Š π’Šπ’“π’“π’‚π’‚ π’ˆπ’‚π’“π’‚ 𝑳𝑡𝑩: Diishiin mallattoo walitti qabe sana calaqqisiisuun gara 'LNB' tti geessa. LNB'n mallattoo kana simatee humna isaa dabaluun gara dambalii (frequency) sirriitti jijjiira.

=>>𝑳𝑡𝑩 π’Šπ’“π’“π’‚π’‚ π’ˆπ’‚π’“π’‚ π‘«π’Šπ’Œπ’π’π’…π’‚π’“π’Šπ’Š: Keebiliin (Coaxial Cable - shiboo sibiilaa kan keessa qabu) LNB fi Dikoodarii wal qunnamsiisa. Keebiliin kun mallattoo LNB irraa fuudhee karaa poortii "LNB IN" jedhamuun gara dikoodariitti geessa.

=>>π‘«π’Šπ’Œπ’π’π’…π’‚π’“π’Šπ’Š π’Šπ’“π’“π’‚π’‚ π’ˆπ’‚π’“π’‚ 𝑻𝑽: Dikoodarri mallattoo dhufe sana hiikuun qulqulleessa. Sana booda, keebilii HDMI (suuraa qulqullina olaanaa qabuuf) ykn AV (keebilii bifa diimaa, adii fi keelloo qabu) fayyadamuun gara Televizyiniitti dabarsa, nutis suuraa fi sagalee Argannaa.
Ahmed Siraj Usmael

Ahmed Siraj Usmael 16/07/2026

You can also follow on Instagram to see more.

Ahmed Siraj Usmael

24/04/2026

πŸš¨πŸš† 𝐀𝐋 𝐍𝐀𝐒𝐒𝐑 𝐇𝐀𝐕𝐄 π–πŽπ π“π‡π„πˆπ‘ 𝐋𝐀𝐒𝐓 πŸπŸ— π†π€πŒπ„π’ 𝐈𝐍 𝐀 π‘πŽπ– 𝐈𝐍 𝐀𝐋𝐋 𝐓𝐇𝐄 π‚πŽπŒππ„π“πˆπ“πˆπŽππ’! πŸ’›πŸ’™πŸŒͺ️

βœ… Win vs Al-Ahli
βœ… Win vs Al-Wasl
βœ… Win vs Al-Ettifaq
βœ… Win vs Al-Akhdoud
βœ… Win vs Al-Najma
βœ… Win vs Al-Khaleej
βœ… Win vs NEOM
βœ… Win vs Al-Fayha
βœ… Win vs Al-Najma
βœ… Win vs Al-Hazm
βœ… Win vs Al-Kholood
βœ… Win vs Al-Fateh
βœ… Win vs Al-Kholood
βœ… Win vs Al-Ittihad
βœ… Win vs Al-Raed
βœ… Win vs Al-Kholood
βœ… Win vs Al-Taawoun
βœ… Win vs Damac
βœ… Win vs Al-Shabab

πŸ‡ΈπŸ‡¦ Top of Saudi Pro League table
πŸ† AFC Champions League Two finalists

Cristiano Ronaldo & co, cooking an π’‰π’Šπ’”π’•π’π’“π’Šπ’„π’‚π’ 𝒔𝒆𝒂𝒔𝒐𝒏 πŸ‘¨πŸΌβ€πŸ³βœ¨

29/03/2026

I got over 100 reactions on one of my posts last week! Thanks everyone for your support! πŸŽ‰

21/02/2026
20/02/2026

πŸŒ™ Ramadaana Keessaa! ✨
🀲 Ibaadaa, Qalbii fi Hojii Gaarii Jabeessi

πŸ’« Ibaadaa Cimsuu

Salaata shanan sirnaan salaatuu

Qur’aana baay’inaan qara’uu, hiika isaa hubachuuf yaaluu

Du’aa’iidhaan Rabbii kadhachuu

Salaata Taraawiih irratti hirmaachuu

❀️ Akhlaaqa Gaarii Hordofuu

Nama hundaaf obsa fi kabaja qabaachuu

Dubbiin badaa fi arrabsoo irraa of qusachuu

Sadaqaa fi Zakaata kennuu, hiyyeeyyii gargaaruu

Nama biraa gammachiisuun ajrii guddaa argamsiisa

πŸ•ŠοΈ Qalbii Qulqulleessuu

Nama waliin araaramuu

Hasada fi jibba qalbii keessaa baasuu

Yaada gaarii fi hojii gaarii irratti xiyyeeffachuu

βœ… Xumura:

Ji’ni soomaana yeroo ittii β€” amantii jabeessan, qalbii qulqulleessan, hojii gaarii baay’isan.
Namni ji’a kana sirnaan fayyadame, bu’aa guddaa addunyaa fi aakhiraatti argata.

19/02/2026

Ifaa Addunyaa kan ta'an
Nabi Muhammadο·Ί
(saw)irratti salawaata haa
buufnuu

Ψ΅Ω„ΩˆΨ§Ψͺ ربي ΩˆΨ³Ω„Ψ§Ω…Ω‡ ΨΉΨ§Ω„ΩŠΩ‡ Ω…

Photos from Ahmed Siraj's post 13/12/2025

Mana murtii Aanaa Gooroo Guutuutti gamaaggamni raawwii hojii gaggeeffame.

Muddee 4/2018
Mana Murtii Aanaa Gooroo Guutuutti Gamaaggamni Raawwii Hojii hanga ammaa hawaasa Mana Murtichaa waliin gaggeeffameera.

Gamaaggamichi bakka Pirizdaantiin Mana Murtii Aanaa Gooroo Guutuu kabajamoo Obbo Kadiir Yuusuf argamanitti kan gaggeeffame yoo ta'u Abbootiin Adeemsa Hojiilee hanga ammaatti akka adeemsa isaaniitti hojjatame, bu'aa argame ,hanqinaa fi ciminoota jiru hammachiisuun kan dhiheessan yammuu tahu ,dhiheessii dhihaate irrattiis mariin bal'aan erga godhameen booda hanqinaa fi ciminoota jiru adda baasuun ciminoota jiran itti fufsisuun hanqinoota mul'atan irratti xiyyeeffaannaan hojjachuu akka qaban kallattii fuula duraa kaayuudhaan gamaaggamichi goolabame.

Category

Address

Boole
Addis Ababa
1000

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ahmed Siraj posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Subscribe

We will notify you when anything happens in Addis Ababa.