AWA

AWA

Share

✍️✍️Fakkiiqubeessaa ✍️✍️

�odeessaale aartii
�kalaqawwan garaagara
�odeeffannowwan aartii garaagaraa
�ibsamaawwan aartii garaagaraa
�aartii biyya keessa
�aartii biyyota alaa
�seenaawwan artistoota beekamoo
�fakkiiwwaniifi bobbocaawwan garaagara....fi kannen aartii walin walqabatan biroo.

14/08/2026

‎"Gatiin barnoota kolleejjii , odeeffannoo/facts/ hedduu barachuu qofa osoo hin taane, sammuu namaa akkanni yaadutti leenjisuudha.” — Albert Einstein
‎.
‎Jechi kun, barumsi odeeffannoo hedduu sammuu keessa guutuu qofa osoo hin taane, dandeettii yaaduu fi xiinxaluu guddisuu akka qabu ibsa. Kana jechunis_
‎Dhugaa fi odeeffannoon barbaachisoodha; garuu namni odeeffannoo qofa yaadatee, akkamitti xiinxaluu fi hojii irra oolchuu akka qabu yoo hin beekne, faayidaan isaa daangeffama dha_ jechu dha.
‎.
‎Egaa kana yo jennu Barumsi dhugaan namaaf, yaada waa gaafachuu, walitti dhufeenya wantoota adda addaa hubachuu, waa ragaan madaaluu fi rakkoolee furu barsiisa.
‎.
‎Sammuun leenjifames, haalli jiru yoo jijjiirame illee, barachuu isaalle itti fufuu ni danda’a jechudha.
‎.
‎Kanaaf, kaayyoon barumsaa namoota waan isaan barsiifaman qofa irra deddebi’anii akka dubbatan/yaadan/ uumuu osoo hin taane, namoota ofiin yaadan horachuu ta’uu qaba. Bu'an barumsallee dandetti sirriitti yaadun madaalama deema. Innis Dandeettiin sirriitti yaaduu fi sababeeffachuu, keessumaa yeroo odeeffannoon guutuu hin taane ykn odeeffannoon wal faallaa ta’e keessatti gatii guddaa ni qabaata. Bu'a guddas ni fida.
‎.
‎Akkasumanille dabalatan Beekumsi meeshaa nuuf kenna/oomisha/; garuu yaadni qeeqaa (critical thinking) meeshaa sana maal gochuuf akka itti fayyadamnu nuf murteessu ni danda'a. Egaa Faayidaan guddaan barumsaa deebii/question/waraqaa irra hunda yaadachuus miti; rakkon jireenyaaf deebii fooyya’aa barbaaduu fi argachuu danda’uuf dandeettii horachuu dha.
‎.
‎Walumaa galattii Namni akkamitti yaaduu akka qabu barate, jireenya isaa guutuu ofiin of barsiisuu ni danda’a. kanaafis egaa Barachuun yeroo rakkoolee ittiin ilaallu fi ittiin furru sana haala yaada keenya jijjiiruf humna guddaa akkanni qabu Barre itti fayyadamutu nurra jiraata. xumura irratti bu'a barumsa keessa inni guddan_Barumsi sadarkaa isaa qajeelaa irratti, namaaf bilisummaa sammuu fi yaadaa kan namaaf kennu tau isadha.
‎.
‎Fayya ta'a
‎Barumsas, beekumsas hin dhabiina.
Fakkin_Akumaadha

‎

03/08/2026

Fakkii Ulaa mana keessa, keessaa muraasa.

👉New Pencil ✏️ sketch
👉A partial view of the inside of a house.

Credit ©️_Akuma
enjoy. Drop your idea👇 in comment section

01/08/2026

Fakkii qubeessaa.

Photos from AWA's post 26/07/2026

Surawwan Object walin masakamani qinda'an kana daawwadha.
credit_ Diego cusano
itti bohaara
dilbata gaarii.

25/07/2026

Money-Lisa
👉Bareedditti baargamaa.
👉Fakkii qubbeessa.
©️ unknown

22/07/2026

😲😲😲😲

15/07/2026

Saffisi fageenya sarara lama giddu, sarara qajeelaadha.

04/07/2026

“Lubbuun guddaan kamiyyuu walmakaa maraatummaa irraa bilisa miti.”
— Aristotle

Namoonni hojii gurguddaa hojjetan yeroo baayʼee akka namoota kaanii hin yaadan. Yaada haaraa qabaachuun, abjuu guddaa abjoochuun, ykn karaa namoonni baayʼeen hin filanne filachuun yeroo tokko tokko “adda” ykn “maraataa” akka fakkaattu si taasisa.

Garuu seenaa keessatti, namoonni addunyaa jijjiiran baayʼeen isaanii warra yaada isaanii irratti cichanii, qeeqa sodaatanii hin deebine turan. Wanti namoonni tokko tokko “maraatummaa” jedhan, yeroo baayʼee mulʼata, murannoo fi ija jabina milkaaʼina guddaa fidu taʼa.

Kalaqaan guddaan, daldalli milkaaʼaan, hojii aartii boonsaa fi jijjiiramni guddaan hundi nama tokko yaada namoonni biroon hin hubanne amanu irraa jalqaba.

Kanaaf, adda taʼuu hin sodaatin. Yoo yaadni kee ogummaa, amanamummaa fi kaayyoo gaarii irratti hundaaʼe, addummaan kee humna kee isa guddaa taʼuu dandaʼa. Namoonni harʼa si hubachuu dadhaban, boru hojii kee irraa kakaʼuu dandaʼu.

Ati hoo, yaada namoonni biroon hin hubanne waan amantuuf yeroo kamiyyuu qeeqamtee beektaa?

Photos from AWA's post 01/07/2026

Gootota afur. Fakkiiwwan afur. Sararoota sochii keessa jiran. ⚽️⚽️⚽️
Isin kam caalaa jaallatttu?
🇦🇷Messi
🇵🇹Ronaldo
🇳🇴Haland
🇹🇫Mbappe.
Credit-Erick Centeno

30/06/2026

"Jalqaba waan barbaachisaa ta'e hojjedhu; itti aansuun waan danda'amu hojjedhu; yeroo hin yaadne keessatti immoo waan hin danda'amne fakkaatu hojjette of argita."

Category

Art

Telephone

Address

Nekemte

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when AWA posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Subscribe

We will notify you when anything happens in Nekemte.