Bulcha Media

Bulcha Media

Share

Tommorrow is more best

18/09/2026

✨ –
➠ Irraa hin hafiinaa! ✨

​Kabajamtoota fi jaallatamtoota hordoftoota FB koo hundi keessan , qabsaa'aa quuqama sabaa fi gootummaan isaa hin dubbatamne Obbo Biruuk Abbaa Seenaa guyyaa itti hojiin isaa guddichi firii argatuuf qophaa'aa!

​Kitaabni haaraan mata duree "Feeneet" jedhamuun qophaa'e kun:
• ​📅 Guyyaa: Fulbaana 10/2019 A.L.I
• ​⏰ Saa'atii: 7:00Irraa eegalee Waaree Booda)
• ​📍 Iddoo: Hoteela Intarnaashinaali Ililliitti

​Kitaabni kun bu'aa-bahii qabsoo fi ergaa dhalootaaf darbu kan hammate dha. Goota keenya jajjabeessuuf, akkasumas ergaa guddaa kitaabicha keessa jiru fudhachuuf hundi keessan kabajaan affeeramtaniirtu!

​Galmi keenya birmannaa fi tokkummaa dha; irraa hin hafiinaa! 📚🎉
fans

Photos from Bulcha Media's post 18/09/2026

Dubbiin akka odeessan miti, dhugaa jiru adda baasaa deemuun dirqama!!

Dhaabbanni finfinnee keessatti yeroo jalqabaaf galma barkumee keessatti uummata Oromoo 30,000 ol tola nyaachisuun obaaseefi kabaja itti h**e, akkasumallee Artistoota qaqqaalii keenya kan akka Haacaaluu Hundeessaa, Dr Alii Birraa fi Galaanaa Gaaromsaa fa'aa waliin hojii boonsaafi kabaja saba Oromootti horu kan hojjete dhaabbata and Event Organizer dha. kana immoo warri amma Uummata Oromoo nutu girozerii keessaa baase jedhan sunuu bareechanii beeku.

Bay the way Waan qabsoo Oromoo kana isa qabsaa'ee dhugaa fi seenaa beeku otuu hin taanee warra karaarraa itti goranii anatu siif beeka, akka ani jedhe malee ati jette sirrii miti fi kkf jedhantu maqaa qabsoos, maqaa sabaas balleessa. kana hundarra garuu Uummanni Oromoo eenyu akka isaaf hojjetuufi eenyu akka isarratti hojjetu bareechee beeka.

Gabaabumatti Dhaabbanni East Africa Entertainment and Event Organizer dhaabbata har'as ta'ee kaleessa hojii gaarii akka biyyaattis ta'ee akka sabaatti nu boonsan hedduu hojjechaa jira.

16/09/2026
16/09/2026

Kkkl

16/09/2026

IRREECHI YOMMUU KA’U…
East Africa Entertainment and Event Organizer Team
Bacaqiin Gannaa bahee,
Booqaan Birraas arginee,
Irreechi keenya dhufee,
Beellamni keenyaas dhiyaatee jira!
Yeroo seenaa itti barreessinu,
yeroo yaadannoo dhalootaaf dabarsinu
yeroo gammachuu fi tokkummaan itti mul'snu!
☕ Sirn /qohii Buna dhugaa guddaa Siinii
10,000!

🏃‍♂️ Fiigicha Gudficha Irreechaa Finfinnee
Humna, gammachuu fi tokkummaan Waliin Fiigna!
🎶 Koonsartii Muuziqaa Irreechaa
Artistoota Bebbeekkamoo fi Qaqqaalii waliin,
📍 Giyoon Hotelitti!
✨ Guyyaa bashannanaa qofa miti…
✨ Guyyaa yaadannoof ta’u isiniif qopheessaa jirra.
✨ Guyyaa seenaan keessatti galmaa’u qopheessaa jirra.
Yaadannoo addaa, gammachuu addaa isin waliin dabarsuuf
Qophii Xumurree Jirra!
Seenaa waliin hojjanna!

13/09/2026

Ilma Abbaa Gadaa waliin fuldurri keenya ifa!
Jarri kana arginaan maaraachuu ishiiti💪

Photos from Bulcha Media's post 13/09/2026

‼️

Artistii Jaalatamaa Oromoo Adem Mohammed-Arba Itoophiyaa bakka bu'uun Yaa'ii biyyoota BRICKS 18ffaa Hindi Niwudelhitti gaggeeffamaa jirurratti Uffata bareedaa Aadaa Oromoo Gujii uffatee biyyoota jajjaboo dhiibbaa uumtota Addunyaa duratti dhiichisee Addunyaa Afaan raajesse.

Dhugaa dubbachuuf duri Oromoon Itoophiyaa bakka buutee waltajjii Addunyaa irratti mul'atuu dhiisii biyya keessattu hiree akkanaa hin argattu turte. Yaawu gadaa harkaa qabnu akka nuti itti ilaallutu..

Duri haalli faalla ture:Kan fiigee biyya maqaa yaamsisu, kan lolee injifannoo argamsiisu, kan hojjatee jijjiirama guddaa muldhatu biyyaaf buusu durirraa kaasee Oromoo dha. Kan Maqaa ittiin waamamaa ture immoo kan biraati. Sun seenaa ta'eera

Akka durii fi harka xuriitti hin hafan jedhe Abbichuun. Aadaan Oromoo biyyaarra darbee diinagdee addunyaatiif galtee tahuun faaya bareedinaa ka addaa itti horuu dande'eera.

Oromoo tiyya Bokkuu harkaa qabdu jabeeffadhu!
Keenya Oluma!

Photos from Bulcha Media's post 12/09/2026

Obsee Keessan Ishii Isiniif Duutu!💪
Biyya keenyaaf Jirra!🥰🌻

Category

Telephone

Website

Address


Addis Ababa