Murtii Construction
Engineer
23/06/2026
Mastering EOT Claims: How Is an EOT Claim Evaluated? : The 5 Consultants CHECK! How Is an EOT Claim Evaluated?π¨ βRequesting an Extension of Time ...
π¨ WHY PROJECTS DELAY?
π€ "Pirojektiin Ji'a 12f Karoorfame Maaliif Waggaa 2 Ykn 3 Fudhata?"
Pirojektoota hedduu keessatti yeroo dabarsuun rakkoo idilee ta'ee mul'ata. Garuu sababni isaa contractor qofa miti!
π TOP 5 ROOT CAUSES OF PROJECT DELAYS
1οΈβ£ π
Poor Planning & Scheduling
Karoora fi schedule sirrii hin taane.
2οΈβ£ π° Cash Flow & Payment Problems
Kaffaltii turuu fi rakkoo maallaqaa.
3οΈβ£ π Design Changes & Variation Orders (VO)
Jijjiirama dizaayinii fi hojii dabalataa.
4οΈβ£ π€ Poor Coordination & Slow Decisions
Qindoominaa fi murtii saffisaa dhabuu.
5οΈβ£ π Material & Equipment Shortages
Hanqina meeshaa, maashinarii fi boba'aa.
π‘ Project Delay jechuun yeroo qofa dhabuu miti; baasii dabalataa, hojii irra deebi'uu fi wal-dhabdee pirojektii uuma.
β
Planning gaarii
β
Cash Flow jabaa
β
Coordination cimaa
β
Murtii saffisaa
β
Resource Management sirrii
..milkaa'ina pirojektiif murteessoodha.
β Isin hoo sababoota kana keessaa kamtu pirojektii keessan irratti baay'ee mul'ata?
21/06/2026
WABIILEE IJAARSAA (GUARANTEES & BONDS IN CONSTRUCTION)
Pirojektii ijaarsaa keessatti Client (Abbaan Pirojektii) hojii qofa osoo hin taane, maallaqaa fi milkaa'ina pirojektii isaa eegsisuuf wabiilee (Guarantees & Bonds) garaagaraa fayyadama.
π GOSA WABIILEE IJAARSAA GURGUDDOO AFUR
1οΈβ£ Bid Bond / Bid Security (Wabii Caalbaasii)
π Yoom Fayyadama?
βYeroo Tender (Caalbaasii) irratti.
π Maaliif Barbaachisa?
βYoo Kontraaktarri caalbaasii mo'ee booda:
β Kontraata mallatteessuu dide
β Ykn gatii jijjiirsuuf yaale
Client'n Bid Security fayyadamuun of eega. Kunis dorgomtoonni amanamummaan akka hirmaatan taasisa.
2οΈβ£ Advance Payment Guarantee (APG) (Wabii Kaffaltii Duraa)
π Yoom Fayyadama?
Erga kontraatni mallatteeffamee booda, Mobilization Advance kaffalamuun dura.
π Maaliif Barbaachisa?
Yoo Kontraaktarri Mobilization Advance fudhatee:
β Hojii hin jalqabne
β Hojii dhiisee deeme
Client'n baankii irraa maallaqa isaa deebisee argachuu danda'a.
3οΈβ£ Performance Bond / Performance Security (Wabii Raawwii Hojii)
π Yoom Fayyadama?
Yeroo kontraatni mallatteeffamu irraa jalqabee hanga hojii xumuramutti.
π Maaliif Barbaachisa?
Yoo Kontraaktarri:
β Hojii qulqullinaan hin hojjenne
β Hojii dhiisee yoo baqate
β Yeroo pirojektii irratti hanqina cimaa uume
Client'n wabii kana fayyadamuun miidhaa isaa hir'isa.
Yeroo baay'ee 10% Contract Price ta'a.
4οΈβ£ Retention Guarantee (Wabii Retention Money)
π Yoom Fayyadama?
Erga pirojektiin xumuramee booda, yeroo Defects Liability Period keessatti.
π Maaliif Barbaachisa?
Yeroo baay'ee Client'n IPC irraa 5% hanga 10%tti Retention Money qabaata.
Garuu Kontraaktarri maallaqa sana yeroo sana argachuu yoo barbaade, bakka Retention Money sanaatti Retention Guarantee dhiyeessa.
Wabiileen Ijaarsaa (Guarantees & Bonds):
β Kontraaktarri amanamaa miti jechuun miti.
β
Faayidaan isaanii:
β Maallaqa Client fi Mootummaa eeguu
β Risk pirojektii hir'isuu
β Hojiin akka hin dhaabbanne mirkaneessuu
β For Quality Assurance
20/06/2026
π₯ VARIATION ORDER (VO) MAALI?
π€ "Pirojektiin Birrii Miiliyoona 100n jalqabame akkamitti Birrii Miiliyoona 120 ta'uu danda'a?"
Yeroo baay'ee namoonni akkana jedhu:
β "Contractor maallaqa dabalataa argachuuf hojii uumaa jira."
β "Designerrii fi Consultant'n jalqabarratti maalif sirriitti hin qopheessine?"
Garuu dhugaan isaa kana caalaa bal'aadha.
π VARIATION ORDER (VO) JECHUUN MAALI?
Variation Order (VO) jechuun erga pirojektiin jalqabamee booda, scope of work, design, quantity ykn specification irratti jijjiiramni barbaachisu yoo uumame, hojii dabalataa ykn hir'ifamaa seeraan raggaasifamee hojjetamuudha.
Kana jechuun:
β Hojii dabalataa ta'uu danda'a.
β Hojii hir'ifamuu danda'a.
β Design jijjiiramuu danda'a.
β Quantity dabaluu ykn hir'achuu danda'a.
π MAALIIF VO UUMAMA?
1οΈβ£ Client Requirement Change
Abbaan pirojektii yaada isaa jijjiire.
Fakkeenyaaf:
- Foddaa guddisuu.
- Floor dabaluu.
- Finishing quality jijjiiruu.
2οΈβ£ Design & BOQ Gaps
Yeroo tokko tokko design fi BOQ wal hin simu.
Fakkeenyaaf:
Drawing irratti Column jira.
Garuu BOQ keessatti hin herregamne.
Site irratti yeroo hojii jalqabu qofa beekama.
3οΈβ£ Unforeseen Site Conditions
Site irratti rakkoon duraan hin beekamne ni uumama.
Fakkeenyaaf:
- Hard Rock argamuu.
- Bishaan lafa jalaa baay'achuu.
- Haala lafaa design jijjiirsisuu.
βοΈ VO PROCESS AKKAMITTI DEEMA?
π Contractor ykn Consultant rakkoo adda baasa.
π Cost fi Time Impact ni shallagama.
π Consultant (Engineer) ni qorattee recommend godha.
π Client ni raggaasisa.
π Ergasii hojii fi kaffaltiin isaa seeraan ni raawwatama.
VO hundi:
β Written Instruction qabaachuu qaba.
β Cost Analysis qabaachuu qaba.
β Approval qabaachuu qaba.
β Documentation guutuu qabaachuu qaba.
Variation Order (VO) jechuun maallaqa dabalataa qofa miti.
Inni sirna professional ta'een jijjiirama pirojektii to'achuuf fayyadamuudha.
Follow godhaa; kutaa itti aanu keessatti "Mobilization Advance Maali?" jedhu irratti wal mari'anna.
16/06/2026
COLUMN YKN BEAM ERGA IJAARAMEE BOODA YOO MIIDHAME DIIGUUN DIRQAMAA? MALLI ITTIIN FAYYIFNU JIRAA? GAMOO G+10 IRRAA GARA G+15TTI UPGRADE GOCHUUN NI DANDA'AMAA? ENGINEERING SOLUTION......
Deebiin isaa: Eeyyee, ni danda'ama!
Furmaanni teknikaa Civil Engineering keessatti fayyadamnu keessaa tokko "JACKETING" jedhama.
π€ Mee haa yaadnu...
β1ffaa, Column tokko erga ijaaramee booda crack uumame balaaf saaxilame haa jennu. ykn immoo beam isaa structural fail/crack ta'e haa jennu.
β2ffaa, yeroo jalqabaaf gamoon G+10 qofaaf design ta'e, booda abbaan qabeenyaa gara G+15tti guddisuu barbaade.
Wantoota kanaa olitti ka'an kanaaf furmaanni maali? Gamicha diiguu? Lakki!
Injinariingiin furmaata qaba.
πΉ JACKETING MAALI?
Jacketing jechuun Column ykn Beam duraan jiru deebisanii jabeessuu (Strengthening) dha.
Akkuma namni qorra irraa of eeguuf jacket uffatu, nutis Column ykn Beam irratti concrete, steel ykn Carbon Fiber daballee humna isaa guddisna.
Kana jechuun:
β Load-bearing capacity ni dabala.
β Crack fi damage ni hir'isa.
β Umurii caasaa (Structure) ni dheeressa.
β Fooqii dabalataa baachuu ni danda'a.
π οΈ AKAKUU JACKETING
1οΈβ£ Concrete Jacketing
Rebar fi concrete haaraa dabaluun Column ykn Beam jabeessuu.
2οΈβ£ Steel Jacketing
Steel plate ykn steel section fayyadamuun maranii cimsuu.
3οΈβ£ FRP Jacketing
Carbon Fiber fayyadamuun salphaatti fi saffisaan jabeessuu.
π Hojiin kun akka salphaatti hin hojjetamu.
Structural Assessment, Design Check fi Load Analysis sirrii barbaada.
Kanaaf Engineer Structural ta'een qoratamee fi design godhamee hojjetamuu qaba.
π‘ Yeroo hedduu namoonni, "Column/ beam baqaqiinsa agarsiifnaan , diigamuu qaba jedhu. Garuu yeroo baayyee furmaanni isaa diiguu osoo hin taane JACKETING dha.
Akkasumas, gamoo tokko Filoorii isaa dabaluun yoo barbaachise fknf, Gamoo abba G+10 irraa gara G+15tti olguddusuun yoo barbaachise, mala 'Jacketing kana fayyadamuun Column fi Beam isaa jabeessuun osoo Structure gamichaa hin diigiin olguddisuu dandeenya.
15/06/2026
KANFALTII IJAARSAARRAA "RETENTION" MAALIIF HIRI'IFAMA? (Why Retention from Payment?)
Hojii ijaaramaa kamiyyuu irratti, kontraakterri hojii raawwateef kaffaltii yeroo gaafatu (Interim Payment Certificate), maallaqni isaa guutuun hin kaffalamuuf. Baasii herregaa isaa keessaa dhibbeentaa muraasni (yeroo baay'ee 5% hanga 10%) hiri'ifamee qabama.
Baay'een namaa, kun adabbii ykn miidhaa kontraaktara irratti raawwatamu itti fakkaata. Garuu akkas miti! Kaffaltiin kun "Retention Money" (Maallaqa Wabiif Qabamu) jedhama.
Maaliif qabama ree? Sababa gurguddoo sadiif:
1. Qulqullina Hojichaa Mirkaneessuuf (Quality Assurance).
Ijaarsi yeroo xumuramu, yeruma sana rakkoon isaa mul'achuu dhiisuu danda'a. Fakkeenyaaf, baqaqni konkriitii (cracks), dhangala'aan bishaanii mana keessatti dhangala'uu (leakage) fi kkf kan mul'atan ijaaramee erga tajaajila kennuu eegalee booda ta'uu danda'a. Egaa Maallaqni qabame kun wabiidha.
2. Yeroo Eegumsaa (Defects Liability Period) Wabii Ta'uuf.
Waliigaltee ijaarsaa keessatti yeroon eegumsaa (Defects Liability Period) yeroo baay'ee waggaa tokkootti (1) ni jira. Yeroo kana keessatti hanqinni fi rakkoo n qulqulunaa yoo mul'ate, kontraakterichi baasii ofiitiin akka sirreessuuf maallaqa kana keessaa walakkaan (2.5%) ni tura. Kontraktarri yoo sirreessuu dide, abbaan pirojektiicha (Client) maallaqa kanaan kireeffatee hojichaa akka sirreeffatuufi.
3. Pirojekticha Gidduutti Dhiisanii Teessuu Hambisuuf (Risk Mitigation).
Kontraaktarri tokko kaffaltii dhibbantaa 100% fudhachaa yoo deeme, hojii gara dhumarratti hafan (finishing works) kanneen bu'aan isaanii xiqqaa ta'an gadi dhiisee deemuuf carraa uuma. Retention'n garuu kontraakterri sun hanga dhumaatti ijaarsa sanarratti akka xiyyeeffatu godha.
β οΈ Maallaqni kun baasii badu miti. Yoo rakkoon ijaarsaa hin mudanne, maallaqni kun guutuun isaa kontraktaraaf marsaa 2tti deebi'ee kaffalama.
1. Akkuma ijaarsi xumuramee dabrfameen 2.5%
2. pirojeektichi dabarfamee eegumsa waggaa tokkoo booda 2.5% kanfalama.
π‘
β
10/06/2026
ποΈ Work Breakdown Structure (WBS): The Foundation of Successful Project Management.
βEver feel overwhelmed by a massive project? Here is the secret weapon used by top project managers: The Work Breakdown Structure (WBS).
Think of a WBS as a project's DNA. Instead of looking at a huge goalβlike building a hospital or a roadβas one giant task, a WBS breaks it down into smaller, bite-sized, manageable pieces.
π‘ **In simple terms:** It answers one crucial question: *βWhat specific work must be done to finish this project?β*
If you canβt break it down, you canβt manage it! Here is how a successful project breaks down from start to finish:
# # # π The 5 Phases of a Winning Project
**1. Planning Phase π**
Before moving any dirt, you need a roadmap.
* **Scope * What*\are we delivering?
* **Schedule:*When* will it be done?
* **Budget:** *How much* will it cost?
**2. Design Phase βοΈ**
Turning ideas into blueprints. This covers engineering drawings (architectural, structural, electrical) and securing those critical government and consultant approvals.
**3. Ex*****on Phase π¨**
Where the real action happens!
* **Procurement:** Buying materials and hiring subcontractors.
* **Construction:** Excavation, concrete works, and masonry.
* **Quality Control:** Inspecting and testing to ensure everything meets standard specifications.
**4. Monitoring & Control Phase π**
The "sanity check." Tracking daily progress, managing costs, and catching delays early through consistent reporting.
**5. Closeout Phase π**
Crossing the finish line. Handing over the completed facility, keys, and operational manuals to the client, and archiving the as-built drawings.
# # # π―
Without a WBS, projects face chaos, missed deadlines, and budget overruns. With it, you get total cost control, clear team responsibilities, and zero guesswork.
Category
Contact the public figure
Telephone
Address
Addis Ababa
Alerts
Be the first to know and let us send you an email when Murtii Construction posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.