Malkaa Post

Malkaa Post

Share

Oromoon tokko!

Photos from Malkaa Post's post 03/09/2026

Ruut Yirgaalem waltajjii dorgommii ‘bareedinaa addunyaa ’Miss World’’ irratti uffannaa fi shubbisa aadaa agarsiisuudhaan daawwattoota kuma 10 ol ta’an ajaa’ibsiiste.

Waldorgommii ‘bareedinaa addunyaa ’Miss World’’ bara 2026 biyya Veetnaamitti gaggeeffamaa jiru irratti Itiyoophiyaa bakka bu’uun dorgomaa kan jirtu Ruut Yirgaalem sagantaa ‘’Dance of the world’’ irratti uffata aadaa Itiyoophiyaa uffachuun akkasumas shubbisa aadaa agarsiisuun daawwattoota kuma 10 ol booji’te.

'Miss World ' irraa odeeffanne

02/09/2026

Itoophiyaan meeshaa Jibuutii irraa galchitu dhibbeentaa 74 Baaburaan geejjibsiisuun ibsame

Finfinnee,Fulbaana 02,2026: Bara baajata darbe baatii Adooleessa 2025 hanga Waxabajjii 2026tti , meeshaa Jibuutii irraa karaa geejjiba adda addaatiin galee keessaa dhibbeentaa 74 baaburaan kan geejjibsiifame ta'uu Tajaajila Geejjibaafi Loojistiksii Itoophiyaa (ESL) beeksise.

Dhaabbanni Geejjibaafi Loojistiksii Itoophiyaa (ESL)'n akka ibsetti, meeshaaleen baaburaan geejjibsaman kunis meeshaalee sanduuqa guddani (konteenaraan) qabataman, meeshaalee fe'iinsa walitti kuufamee,(kan akka qamadii fi xaa'oo), akkasumas konkolaattotaa fi maashinaroota akka ta’an eeramera. Dhaabbanni kun kana kan ibse walga'ii Dhaabbata Geejjiba Baaburaa Ethio-Djibouti waliin geggeesse irrattidha.

Akka ibsa dhaabbata kanaatti, tumsi dhaabbilee lamaan kana gidduu jiru ariitiin sosochii meeshaa akka dabalu, yeroo meeshaan bu'uura dhabbiin Jibuutii irratti turu fi baasii dabalataa hir'isuun, meeshaaleen amanamummaafi ariitiin gara maamiltootaatti akka ga'aniif gahee guddaa qabaateeras jedhe.

Walga'iin kun qondaaltota olaanoo mootummaafi geggeessitoota dhaabbilee lamaanii walitti fiduudhaan, milkaa'ina hojii waliinii isaanii gamaaggamuufi karaalee tumsa isaanii caalaatti cimsuun danda'amu irratti mari'ataniiru.

Hirmaattotni walga'ichaa waliin hojjechuu dhaabbilee lamaan gidduu jiru caalaatti fooyyessuufi toftaalee loojistiksii ammayyaa hojii irratti oolchuudhaan sirna loojistiksii dorgomaa fi gahumsa qabu uumuuf guddina argame qoodachuun barbaachisaa ta'uu cimsanii ibsaniiru.

Dhaabbanni Geejjibaa fi Loojistiksii Itoophiyaa (ESL) fi Dhaabbatti Aksiyoona Geejjiba Baaburaa Itiyoo-Jabuuti, tumsi itti fufiinsa qabu gahumsa sirna geejjiba wal-makaa Itoophiyaa fooyyessuufi meeshaaleen Jibuutii fi Itoophiyaa gidduutti ariitiin akka socho'an mirkaneessuuf gahee murteessaa akka qabu ibsame jira.

29/07/2026
25/01/2026

⚽️ 𝗠𝗔𝗧𝗖𝗛𝘿𝘼𝙔 ⚽️
ARSENAL 🆚️ MANCHESTER UNITED
Premier League
Emirates 🏟
1:30 🇪🇹 🕐

Eenyutu mo'a? Tilmaama keessan comment irra kaa'aa.

Address


Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Malkaa Post posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Subscribe

We will notify you when anything happens in Addis Ababa.