Walabu Media

Walabu Media

Share

Seenaa, saayinsii fi siyaasa irratti xiyyeeffanna. Kaayyoon: Hubannoo gabbisuu, beekumsa dimokraatessuudha! Walabu: Knowledge Hub!! Focus on Oromia/Ethiopia.

Kaayyoon: hubannoo gabbisuu fi beekumsa dimokraatessuudha. Nu hordofaa.

13/05/2026

Ameerikaan Iraaniin weeraruuf deemtii?
--------
Ameerikaa fi Israa'el Iraan irratti waraana erga labsanii, Jiddugala Bahaa dirree hookaraa erga taasisanii baatiin 2 darbe. Garuu ammas Ameerikaan waraana hin moo'anne. Iraanis harka hin kennanne. Waraanni misaaelaa fi jeettii, qabeenyaa fi lubbuu barbadeessuu malee, mootummaa Iraan aangoo irraa buqqisuu hin dandeenne. Amma Ameerikaan, akka xiinxallitoonni siyaasaa jedhanitti, waan lama keessaa tokko filachuu qabdi: harka kennachuu ykn Iraaniin guututti weeraruu? Viidiyoon kun carraa Ameerikaan Iraaniin guututti weeraruuf qabdu irratti xiinxalla gadifageenyaa dhiyeessaa itti dhiyaadhaa.

08/04/2026

Ameerikaa Maaltu Hundaan Walitti Isii Buusa? Xiinxalla gadifageenyaa
------------------
Ameerikaan taariifa biyyoota addunyaa hunda irratti gatti. Biyyoota heddu qoqqobbbii diinagdeen rakkifti, waraanaanis burkuteessiti. Garuu maaltu Ameerikaa akkas maraacha, tasgabbii isii dhabsiisa? Maaltu hunda akka ciniintu, maraan akka walitti buutuuf isii dirqisiisa? Viidiyoon kun gaafilee kanaaf deebii qabaa hordofaa.

29/03/2026

Iraan maaliif Araboota irratti xiyyeeffatte? Xiinxalla gadifageenyaa!!
Waraanni Ameerikaa fi Israa'el Iraan irratti labsan baatii tokko guute. Garuu yeroo kanatti halleellaan Iraan biyyoota Arabaa irratti geggeessite ulfaataa ture. Iraan maaliif biyyoota Arabaa irratti xiyyeeffatte? Viidiyoon kun gaafii kanaaf deebii gadi fageenyaa qaba. Rakkoo Arabootaa fi Iraan isa seenaa, siyaasaa fi amantaa irratti ibsa baldhaa qabaa hordofaa.
https://youtu.be/mcYrWSrPb0Y

Address


Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Walabu Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Subscribe

We will notify you when anything happens in Addis Ababa.