Rayyan HD
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Rayyan HD, Public Figure, Harar, Addis Ababa.
𝐍𝐚𝐦𝐧𝐢 𝐋𝐮𝐛𝐛𝐮𝐮 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐞 𝐑𝐀𝐁𝐁𝐈𝐈 𝐈𝐬𝐚𝐚 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐞𝐞 𝐣𝐢𝐫𝐚!👍
Ijji Haraama Laaltu
Qur’aana Haffazuun Itti Jabaata ✌️
Abu Hatim Al-Basri
:Rayyan Al Faith
ابــو حـــاتــم البــصري
28/08/2026
Nabi Muhammad irratti Salawaata Buusuun Raahaa Qalbiiti.💚 ﷺ S A W🥀
22/08/2026
“Albaaniin Hadiisa kana sahiiha godhe” yeroo ja'amu namni hin dhagahin waan jiru natti hin fakkaatu. Albaaniin Kun eenyu?
Maqaan isaa Sheikh Muhammad Bin Naasiruddiin Al-albaanii ja'ama. Bara 1914 Biyya Europe Shkodër, Albania tti dhalate. Moggaasni inni ittiin beekkame ‘Albaanii’ Kan ja'uus asirraa dhufe.
Imaamu Al-albaaniin dhalootaan Europe tahuus guddinni isaa biyyoota bahaa jiddugalaatti. Kuniis Kan taheef Abbaan isaa fitinaa warra dhihaa ilmaan isaa dhaqqabuu waan sodaateef gara Shaam, Magaalaa Dimishqaa (Syria, Damascus) tti godaane.
Imaamu Al-albaaniin Abbaa isaa dabalatee ulamaa'ii gurguddoo hedduu irratti barate. Abbaan isaa Aalima beekkamaa Mazhaba Hanafiiti. Duraan Magaalaa Dimishqaa keessatti Mazhaba hordafuun garmalee beekkama ture. Inumaa salaanni Jama'aa Mazhaban salaatama. Masjiida Imaamu Al-albaanii fi Abbaan isaa itti salaatanitti jalqaba warra Shaafi'iyyaatu salaata. Itti aansuun warri Hanafiitiis salaatu. Imaamu Al-albaaniin jalqaba Hanafiyyoota wajji salaataa turuus eega Ilmii Hadiisaa barate booda haalli Kun dogongora tahuu hubatee dhiise. Sababa kanaa Abbaa isaa wajjillee adda bahuuf dirqame.
Imaamu Al-albaaniin Ilmii Hadiisaatiin hedduu beekkame. Hijraa 1381 barsiisaa tahuun Yunivarsitii Islaamaa Madiinaatti ramadamee amata lamaa ol barsiisaa ture. Kana dura sa'aa harkaallee toolchaa ittiin jiraachuu ture. Garuu kana booda barsiisuu fi ogummaa sa'aa toolchuu kanas dhaabee kitaaba barreessuu qofatti fuulleeffate.
Haaluma kanaan kitaaboota gurguddaa hedduu barreesse. Fakkeenyaaf kitaaboota armaan gadii:
Silsilatu Assahihaa
Silsilatu Adda'iifaa
Irwaa'u Al-ghaliil
Sahiiha Adab Al-mufrad
Ta'aliiqaata sahiiha Ibnu Hibbaan irratti..
dabalatee kitaaba hedduu barreesse.
Gama biraatiin sababa Toowhiidaa hidhaa irraa Haga godaansaatti roorroo hedduu qunname.
Aalimni Islaamaa beekkamaan Sheikh Muhammad Bin Saalih Al-useeymiin kaaseeta “Muhaddisa warra Shaam, Albaanii” ja'u dhagahee “Lakkii inni Muhaddisa warra Shaam qofa osoon tahin Muhaddisa warra Zamana kanaati” ja'e.
Walumaa galatti Imaamu Al-albaaniin firqaa jajalloo takka takka irraa Kan hafe Ummata Muslimaa guutuu biratti jaalala addaa dhiifatee deeme. Jaalala isaa keessa daa'imni kumaatamaan lakkaawamu maqaa ‘Albaanii’ ja'uun yaamamaa jira.
Rabbiin Jannataan haa qananiisu!
✍️ Hamza Abdulhakim. Galatoomaa!
゚
゚ ゚viralシ
21/08/2026
Inni kun eenyu? 🥰
Nabi Muhammad irratti Salawaata Buusuun Raahaa Qalbiiti.💚 ﷺ S A W🥀
21/08/2026
RASUULA KEENYARRATTI SALAWAATA HAA BUUSNU
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Salawaata heddummeessuun jaalala Rasuulaa arkatan, sadarkaa dabalatan, Shafa’aa Rasuulaa arkatan.
• Rasuulli Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam akkana ja’an “ Nama Salawaata Tokko Narratti Buuse, Rabbiin Salawaata Kudhan Isarratti Buusa.
• Salawaanni Nuti arra Rasuula Keenyarratti buusnu qabrii keessatti Rasuula Keenya Gaha. arabaan Jecha kanaa Hadiisa Rasuula Rabbiiti. “ Salawaata Baayyisaa narratti buusaa, Salawaanni isin narratti buuftan qabritti na geeysi”. Yeroo Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam akkana ja’an Sahaabtichi tokko, Yaa Rasuula Rabbii, isin Qabrii keessatti Nyaadhamtanii dhumtanii akkamitti salawaanni Nuti sirratti buufnu qabrii keessatti isin gaha jechuun gaafatan. Yeroo kana Rasuulli Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam akkana jechuun deebisaniif. “ Bar Rabbiin Qaama Ambiyootaa Biyyeen akka hin nyaanne haraam irratti godhe” ja’aniin.
Kanaaf Yaa obboleeyyan kiyya Yeroo hunda Rasuula Keenyarratti Salawaata buusuu haa baayyisnu.
Rabbiin Sawaaba Salawaanni Qabu Nuuf Haa Katabu
Barreeffama Kana Dubbisaatii Share Waliif Godhaa
Sallallaahu Aleeyhi Wasallam
By: Ibsaa Dhugaa
Rayyan HD
21/08/2026
Sheekh muussaa Suaalaa "Murtiin du'aa" isaanirratti murteeffamtee akka turte quba qabduu ?!
Sheikh Muusaan dur Naannoo Soomaalee Orda iddoo ja'amutti qaraasisaa turan. Guyyaa tokko gara Magaalaa Jigjigaa imaluu barbaadan. Imala isaanii warri Bida'aa dhagayan. Yeroo sanitti Sheekhni hunda caalaa Toowhida barsiisuu turan. Shirkiirraa cimsanii hawaasa dhoorkaa turan.
Dalagaa isaanii kanatti Dargaan hedduu aaranii, "Sheikh Muusaan nama badaa dha. Nama Mootummaa fonqolchuu barbaadu" jachuun Mootummaaf himanii, akkasuma kara Magaalaa Jigjigaa deemaa jiraachuu isaanii Foolisiitti himan. Foolisoonni Konkolaataa gara Jigjigaa deemu mara dhaabsisuun, Sheikh Muusaa Su'aalaa barbaadaa turan.
Boodarra Konkolaataan Sheekhni keessa jiru dhufe. "Sheikh Muusaan as keessa nijiraa?" Jachuun gaafatan. Yeroo kana Sheekhni "Ee! Niin jira. Khunoo ana. Maaliif nabarbaaddan?!" Jachuun dubbatan. Ajiib!
Koottu ja'anii, qabanii Mana Hidhaa geeysan. Mana Hidhaa keessatti hedduu Azzabaa turan. Guyyaa garii Qarree (hallayyaa) guddoo irra geeysanii ti isaan tuman. Sheekhni yoo ol siqe ulee fi tumaa jira. Yoo gad siqe ammoo Hallayyaa jira.
Haala kanaan erga Azzaban booda "Rasaasni isatti qisaasa. Ableen qalamuu qaba" ja'anii, guyyaa itti sheekha akka Hoolaatti gorra'an (qalan) baallamatanii, guyyaan san akka isa ajjeesuuf deeman sheekhatti himan.
Maaltu Mudate ?!
Guyyaan keessatti Sheekha qalan yeroo gayu, gara iddoo Sheekhni itti hidhamee dhufanii, hulaa irraa banan. Sheekhni Rabbi kadhachaa gad-bahe. Yeroo gad-bahan, namni tokko isaan hin dubbisne. Nan agaran jachaa deemuu eegalan. Jarattiin dhamaate.
Eega Sheekhni fagaate booda dammaqanii, Sheekha barbaaduu eegalan. Sheekhni goda bineensi keessa galu seenanii, guyyaa lama osoo waa takka hin nyaatin achi turanii, boodarra nagayaan Magaalaa Jigigaa galan.
Akkanatti Hamtuu hunda duraa Rabbi isin haa baasu!
Sheeka keenya Umrii isaanii nuuf haa dheeressu Rahmaan
Share Waliif godhaa Seenaa Ulamoota keenyaa Dubbifnee haa irraa waa barannu
✍️T
Akka post tiyya Gubbaa utaaltu kanatti Miskiinummaan Si Gubbaa Haa utaaltu bo🙄
19/08/2026
Duraan Manguddummaa jedhamee Hattoota feemasii godhuuf wal gayama ture. Har'a Salphina Hattootaa fi Furmaata Miskiinaa dhagayuuf wal gaye Namni 100K kuni. Oromoof amma gandi Tik Tok Media sirrii tayaa jira🥰
Mohammed
Category
Address
Harar
Addis Ababa
Alerts
Be the first to know and let us send you an email when Rayyan HD posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.