Bishoftu Communication

Bishoftu Communication

Share

Government Organization

Photos from Bishoftu Communication's post 14/09/2026

Gabaasa Qorannoo Ka'umsa Balaa Ibiddaa Kutaa Magaalaa Duukaam
​Balaan ibiddaa Giddugala Gabaa Waldaalee IMX Kutaa Magaalaa Duukaam keessatti kaleessa mudatee akka ture ni yaadatama. Koreen qorannoo ka'umsa balaa kanaa qorannoo dhimma kana irratti geggeessee bu'aa isaa kan ibse yoo ta'u, ka'umsi balaa ibiddaa sheedii IMX keessatti uumamee kun istoovii elektriikaa fayyadamanii osoo hin dhaamsin dagachuudhaan (irraanfatamuu )ta'uun mirkanaa'ee jira.

​Koreen qorannoo ka'umsa balaa ibiddaa akka ibsetti, balaa walfakkaataa sana irraa of eeggachuuf waldaaleen IMX, kaaffeewwan, manneen nyaataa, dhaabbileen daldalaa, warshaaleen fi industriin godoo humna ibsaa fayyadamtan hundi istoovii fi meeshaalee elektriikaa fayyadamtanii erga xumurtaniin booda dhaamuu isaa mirkaneeffachuun akka itti fayyadamtan hubachiisanii jiru.
Akkasumas jiraattoonni magaalaa, hojjettoonni waajjiraalee mootummaa fi dhuunfaa sookkeettaa komputeraa, desktooppii fi sarara humna elektriikii irratti meeshaalee fayyadaman dagachuun ka'umsa balaa ibiddaa waan ta'uuf, hojiin booda dhaamsuu fi keessaa baasuu irratti yaadaani akka of eeggannoo goatan ergaan akeekkachiisaa darbee jira.
Dagannoon meeshaa elektriikaa ka'umsa balaa ibiddaa ta'ee qabeenya fi lubbuu irratti miidhaa guddaa fiduu waan danda'uuf, hundi keenya shaakala of eeggannoo haa gabbifannu.
​

Photos from Abiy Ahmed Ali's post 13/09/2026
13/09/2026

የብሪክስ ጉባኤ ሁለተኛው ቀን ላይ ከካዛኪስታን ፕሬዚዳንት ቃሲም ጆማርት ቶካዬቭ ጋር የሁለትዮሽ ውይይት አድርገናል።
‎በዲጂታላይዜሽን፣ በንግድና ኢንቨስትመንት እንዲሁም በመከላከያ መስኮች የትብብር ዕድሎችን ለማስፋት እና ‎በሁለቱ ሀገራት መካከል ያለውን አጋርነት ይበልጥ ማሳደግ በሚቻልባቸው መንገዶች ዙሪያ መክረናል።

Guyyaa lammaffaa Yaa'ii BRICS irratti Pirezdaantii Kaazaakiistaan, Kassym-Jomart Tokayev waliin marii garlamee gooneerra.
Dameewwan dijitaalayizeeshinii, daldalaafi invastimeentii akkasumas ittisaatiin carraawwan walta'insaa babal'isuuf akkasumas michummaa biyyoota lachan gidduu jiru caalaatti cimsuuf haala danda'amu irratti marii'anneerra.
‎
On the second morning of the BRICS Summit, I held a bilateral meeting with President Kassym-Jomart Tokayev of Kazakhstan. As we discussed ways to further develop the partnership between our two countries, we agreed to explore opportunities for cooperation in digitalization, business and investment, as well as defense.

🇪🇹 🇰🇿

Photos from Bishoftu Communication's post 13/09/2026

Balaan tasaa ibiddaa Giddugala Gabaa Waldaalee IMX Kutaa Magaalaa Duukaam mudatee ture guututti to'atame. Balaan ibiddaa kun kan to'atame qindeessummaa Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuutiin tumsa humna Ittisa Balaa Humna Qilleensaa ,Ittisa Balaa ibiddaa Finfinnee fi Ittisa balaa Paarkii Industrii chaayinaatiin yoo ta'u sababni ka'umsa ibiddichaa qoratamaa jira.Bala tasaa kanaan qabeenyi muraasni kan manca'ee yoo ta'u miidhaan qabeenya guddaa fi namarra gahe kan hin jirre ta'uun mirkanaa'ee jira.

Photos from Bishoftu Communication's post 11/09/2026

Baga Booqaa Birraa Bara Haaraa Nagaan Geessan!

11/09/2026
Photos from Bishoftu Communication's post 10/09/2026

Inistitiyuutiin Ga’umsaa fi Hojii Gaggeessummaa Itoophiyaa Jala Bultii Bara Haaraa Sababeeffachuun Deeggarsa Taasise

​Inistitiyuutiin Ga’umsaa fi Hojii Gaggeessummaa Itoophiyaa (Management Institute of Ethiopia) jala bultii ayyaana Bara Haaraa ilaalchisee hojjettoota galii gadi aanaa qaban dabalatee qaamolee hawaasaa gara garaatiif deeggarsa namoomaa taasiseera.

​Daarektarri Olaanaa Inistitiyuutichaa Obbo Dassaalegn Xaasawu, inistitiyuutichi humna namaa gahoomsuun egeree biyyaa ijaaruu cinatti, deeggarsi kunis hawaasa waliin gammachuu qooduudhaan bara haaraa jaalalaa fi tokkummaan simachuuf kan yaadame ta’uu ibsaniiru.

​Akkasumas, Hojii Gaggeessaan Inistitiyuutichaa Obbo Kibabawu Xaafaa gama isaaniitiin, deeggarsi taasifame kun hojjettoota galii gadi aanaa qaban fi qaamolee hawaasaa deeggarsa barbaadan irratti xiyyeeffachuudhaan kan raawwatame ta’uu dubbataniiru.

​Inistitiyuutichi gama leenjii fi gahumsa geggeessummaa cimsuutiin nama dandeettii raawwachiisummaa qabu horachuu bira darbee, aadaa wal-gargaarsaa fi hawaasa waliin dhaabbachuu cimsachuuf kutannoon hojjechaa jira.

​

Photos from Bishoftu Communication's post 10/09/2026

Jala Bultii Bara Haaraa Sababeeffachuun Maatiiwwan fi Barattoota Harka Qalleeyyiif Deeggarsi Taasifame
​Magaalaa Bishooftuu Kutaa Magaalaa Calalaqaatti jala bultii ayyaana Bara Haaraa ilaalchisee maatiiwwan harka qalleeyyii fi barattoota deeggarsa barbaadaniif deeggarsi namoomaa taasifameera.
​Deeggarsi kun bara haaraa sababeeffachuun maatiiwwan fi barattoota harka qalleeyyii gargaaruudhaan gammachuu ayyaanaa waliin qooddateshiisuuf kan kaayyeffatedha.
​Qindeessitoota fi deeggartoota arjooma kana milkeessaniif galanni guddaan kan isaaniif haa ta'u!
​

Photos from Bishoftu Communication's post 10/09/2026

Ayyaana Bara Haaraa Sababeeffachuun Deeggarsi Namoomaa Qarshii Miiliyoona 1.5 Olii Taasifame
​Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuutti qindeessummaa Waajjira Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaatiin, ayyaana Bara Haaraa ilaalchisee hawaasa harka qalleeyyii qaama miidhamtootaaf deeggarsi midhaanii fi zayitaa tilmaamaan qarshii miiliyoona 1.5 olii ta'u taasifameera.
​Deeggarsa kana milkeessuuf waajjirichi dhaabbata Diiwaan Seeraamikii kan Kutaa Magaalaa Duukamitti argamu tumsa akka godhu gaafachuun arjooma kana qaqqabsiiseera. Kaayyoon deeggarsa kanaas maatiiwwan harka qalleeyyii fi qaama miidhamtootaa deeggaruudhaan gammachuu ayyaana bara haaraa waliin qooddateshiisuudha.
​Arjoomni fi tattaaffiin akkasii tokkummaa hawaasaa fi deeggarsa namoomaa cimsuu keessatti gahee guddaa kan qabu yoo ta'u, Dhaabbata Diiwaan Seeraamikii fi qindeessitoota waajjirichaas waan gaarii kanaan fakkeenya ta'aniif galanni guddaan kan isaaniif haa ta'u.
​

Category

Telephone

Address


Bishoftu

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bishoftu Communication posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Subscribe

We will notify you when anything happens in Bishoftu.