Odeeffannoo Waytaawaa

Odeeffannoo Waytaawaa

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Odeeffannoo Waytaawaa, Legal, Ethiopia, Oromia, Robe.

Photos from Odeeffannoo Waytaawaa's post 24/09/2025

Itiyoophiyaafi Keeniyaan tumsa damee loltummaan qaban cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Fulbaana 14, 2018(FMC)- Itiyoophiyaafi Keeniyaan tumsa damee loltummaan qaban cimsuuf waliigaltee mallatteessan.

Waliigalticha Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaafi Itaamaajoor Shuumiin Raayyaa Ittisaa Keeniyaa Jeneraal Chaarlis Muuriiyyuu Kaahaariiriin mallatteessaniiru.

Qaamoleen lameen Qajeelcha Waliigalaa Raayyaa Ittisaatti marii gam-lamee erga gaggeessaniin booda dameewwan waliin hojjechuu danda’anirratti tumsa loltummaa kan waliif mallatteessan.

Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan wayita kana, biyyoonni lameen hariiroo waggoota dheeraa qabaachuu yaadachiisanii, tumsi dameewwan loltummaan qaban cimee akka itti fufu ibsaniiru.

Keeniyaa waliin shaakala loltummaa waloo, indaastirii loltummaa, shororkeessummaarratti qabsaa’uu, nageenya daangaa fi dhimmoota loltummaa biroorratti waliin hojjechuuf walii galuu ibsuu isaanii Qopheessaa Olaanaan Miidiyaa Oonlaayinii Raayyaa Ittisaa Leetenaal Koloneel Wuubisheet Chakkol Faanaa Dijiitaaliitti himaniiru.

Itaamaajoor Shuumiin Raayyaa Ittisaa Keeniyaa Jeneraal Chaarlis Muuriiyyuu Kaahaariirii gamasaaniin, hariiroon Itiyoophiyaafi Keeniyaa seenaarra darbee hariiroo aadaa, uummattootaa fi ji’oogiraafii irratti kan hundaa’e ta’uu eeraniiru.

Waliigalteen biyyoonni lameen waliif mallatteessan biyyoottan lameenirra darbee nageenyaafi tasgabbii naannawichaa keessatti qooda olaanaa qabaachuu ibsuun, Keeniyaan Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Waytaawaa

Website

Address


Ethiopia, Oromia
Robe

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Odeeffannoo Waytaawaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Subscribe

We will notify you when anything happens in Robe.